UMMA TOKEN INVESTOR

About me

Egeree kee boruuf har'a bu'ura ijaari

Translation is not possible.

Sagalee Nagaa Sabaaf Jecha!

Kaleessa waa danuu dubbanne. Jechas tarree waan akka biyyaatti itti gaabbinu bacaa raawwanne. Ammoo sun akka hin baafne yaa hubanne. Saniif “TPLF daakuu qilleensa irratti faca’e, sheexana hamaa mariif hin tolle” jenne waliin araaramne. Waan jabaa seenaan sirriitti yaadatu tolchine. Sagalee qawwee callisiisuun qalbii Haadholii fi daa’imman Tigraay boqochiifne. Wal-ajjeechaa obboleeyyanii oolchine. Qabeenya biyyaa bilaasha qisaasamuu irraa hambifne. Baguma jechoota fofokkuu gaafa waraanaa gamaa-gamanaa darbanne dhiisuun Pretoria-tti waadaa nagaa mallatteessine. Warra ajjeechaaf barbaadaa baane baga hammannee dhungatuun badhaafne. Gaafas dhugumaan waan jabaa biyyaa fi ummataaf hojjanne!

Ammoo akka lukoo sabaatti waa dhukkubsanne. Ummati nu bakka buune ganna shan guutuu hin boqonne. Gaafa inni nagaa, bulchiinsa fi jiruu dhabee ergaramu ijaan argine. Booya fi aada isaa yaa dhageenne. Duuba maaliif gidiraa haadholii fi daa’imman Oromiyaatiif naatoo dhabne? Harka TPLF “Sheexana” jenne hammanneen maaliif sabaaf jecha warra “Shanee” jenne fagoottuu nagaa fuudhuu rakkanne? Pretoria leellisaa maaliif Daresalam dhiifne? Ummata Oromoo tuffanne moo dararama haawwotii fi daa’imman Oromiyaatti garaa jabaanne? Afaan obbolummaa TPLF lallabneen maaliif “Shanee” jechuu hin dhiifne? Wal-ajjeechaan obboleeyyanii fi ergaramni haadha hiyyeessaa Oromiyaa jiru maaliif nu hin quuqne?

Gaafa Ida’amuu daandii tolfannu, deemsa durii dhiisuuf yaa kakanne. Itoophiyaan nuti ijaarru “Gaara, lagaa fi mukaaf otoo hin taane dhala namaaf xiyyeeffannoo kenniti” jenne. Duuba maaliif duuti, buqqaati fi dararamni lammiilee haga xurii qeensaalleen nutti hin dhagayamne? Qajeeltoo “Kabaja lammiilee” jenne hoo ni daganne moo duraanuu kijibaaf dubbanne? Moo lammii jechuun “dallaalaa, hattuu fi ilmaan jaraa qofa” jechuu feene? Turtii keessa tana taajjabne.

Nami gaafa Masqalaa gurri duude guyyuu “Hiyyoohaa” taphata. Gariin Haala akkasii keessa jira fakkaata. Waan ganna sadi dura dubbatame cicciruun TikTok irra olii-gadi buta. Abalu “Shanee fi wayyaaneen tokko jedheera” jechuun raajeffata. Waan bishaan hin fuune waliin rakkata. Dubbiin jaraa sababoota lamaaf salphata. Tokko qajeeltoo nagaa fi araaraa irra dhaabata. Gaafa lolaa arrabsoon hafee wal-ajjeechanuu ni mudata. Gaafa araaraa ammoo nagaa hardhaa fi hariiroo boruuf jecha waan darbe dhiifta. Seerri gumaa boruuf jecha dhugaa waliif galchanii kaleessa dhiisuu irratti fuulleffata. Kisaaraa waraanni kaabaa geëchise sana mara dhiifnee warra sheexanummaan himanne faana kan araaramne saniif natti fakkaata. Erga warra “daakuu fi sheexana” jenne hammatuun nu hin dhibin, obboleeyyan kaleessa “Shanee” jenne faana dubbatuun maaliif nutti ulfaata? Dubbiitu gaafata!

Gama kaanin ammoo keessa yaadichaatu wal-dhiita. Ijoon dubbichaa tokkummaa WBO fi TPLF ilaallata. Warri dubbicha afarsu qabiyyee isaa hin hubanne fakkaata. Shanee fi wayyaaneen tokkuma ta’uu yoo amante, akkamiin tokko faarsitee kaan abaarta ? Harka wayyaanee hammatteen maaliif “Shanee” waraanta? Afaan “Wayyaanee” dhungatteen maaliif “Shanee” abaarta? Garaan rakkoo haadholii fi daa’imman Tigraayif rifatee nagaa labse, gadadoo dubartii fi kichoolee Oromiyaatti maaliif jabaata? Ammoo qalbiin dubbii ganna shan dura gaafa lolaa dubbatame qotee baasuu hin dadhabin, jecha torban darbe araara fi nagaaf lallabame arguu maaliif rakkata? Yoo silaa saba jaalatte araara lakkisaa maaliif waraana leellifta? Gadadoo sabii fi hooggansi gara jalaa keessa jiru sirriitti beekta! Garaa rakkattee daba dhaadhessita! Gaaf tokko yoo lammiin garaa caaluu hubatte ni dhiifta.

Yaadamni, sagantaa fi qajeeltoon barreeffanne dhugaa taanan Badhaadhinni nu caalu akka hin jirre isinuu ni beektan. Hanni, ittiin-bulinnaa fi shirri “faallaa Ida’amuu ti” jechuu keenya ni yaadattan. Dhugaa fi beekumsaan Badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf waadaa seenne irratti ejjannoo hin raafamne qabaatuu keenya isinuu ragaa baatan. Gaafa rakkoo sana “Diinni nu caalaa si ajjeesuu barbaada” jechuun humna guddaa nu eegsisaa baatan. Barri tarraan amala dhoksaan qabattan gadi baaftan. Saamicha, dhaanichaa fi ajjeechaa ittisuuf gatii baafne haaressitan. Orma caalaa roorroo fi gadadoo sabaatti hammeessitan. Hooggantoota guguddoo waa hubatanii fi sabaaf quuqaman mara moggaatti baaftan. Caasaa firaa-hiriyaa diriirfatuun mirga sabaatin taphatuutti kaatan. Keessotti “Deemsi kun sirrii miti” jennaan “Gowwaa siyaasaan hin galiiniif” jettan. “Qorannoon barsiifata hamaa ADWUI-ti” jechuun marii lagataa akka-feetee taatan. Keessoo sabaa laaffisuu fi alaan diina baayyisuu tarsiimoo godhattan. Faayidaa hattuu fi yartuutii jecha “Mirgi sabaa hin dhiitamin, tokkummaan hin diigamin, nagaan hin boorayin, maqaan saba guddaa hin xiqqaatiin” jennaan akka malee mufattan. Aguuggii ofirraa kaasuun eenyummaa dhugaa muldhifattan. Waardiyyaa durriyyee maqaa sabaa cabsuun eegdan nuuf waakkattan. Yaaddoo isinitti himannaan “Nu si hin ajjeefnu” jettan. Afaan nu cufuuf sana goota.

Haga nami isin beeke waan of beektan hin fakkaattan. Ariitii nama raajuun of geeddartan. Bara 2010 gaafa ajjeechaa Moyaalee mormuun hidhamnu “Jaala keenya Jabaa Sabaaf Dubbatu” jechaa ifaa fi dhoksaan nu leelliftan! Warra Bara 2014 ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu morme garuu ni diineffattan. Waan tokkicha irratti lama taatan! Waggaa afur keessatti haga samii fi dachii ofumaa ofirraa fagaattan. Namis waan isin faana kute seetan!

Otuma isinitti himnuu nu wallaaltan. Akka Gari-garii waan garaaf jiraannu seetan! Sun mirga keessan waan ta’eef baga gootan. Garuu sagalee kaleessa du’a caalaa jibbitan, maaliif hardha TikTok irra facaaftan? Gaafa yaamicha reefu araaraaf godhame dhiisuun dubbii ganna sadi dura “Shanee fi wayyaneen tokko” jedhame dhaadhessitan, mee adaraa maaluma kiyyeessitan? Dhuguma nagaa irra waraanni, obbolummaa irra diinummaan wayyuu amantan moo waa gootanii “Shanee dha” jechuu feetan? Dubbiitu dhugaaf jecha isin odeeffata!

Waan humni keessan hayyame mara tolchuu ni dandeettan! Garuu kaayoo jiruu itti wareegne, dhugaa haadha hiyyeessaa fi nagaa sabaa dubbatuu nu hin dhoowwitan. Sagalee keenyas obbolummaa, marii fi araaraaf malee shiraa fi qumaara obboloota garaa dhiiga wal-dhangalaasisuu fi qe’ee sabaa hongeessuf hin oolchitan. Sadarkaa amma geenyetti, Sabas diraamadhaan hin gowwomsitan. Waadaa gootota gurguddoo sabaaf wareegamanitiif jecha ofirraa baanee dhugaa dubbanna! Qeerroo fi qarree kuma shan caalan, warra gaafa jijjiiramaa sabaaf dabarsuuf jecha ofii darban, yaadannee daba hattuu fi yartuun saba irratti raawwatu dhoksuu dinna!

Qoosaaf hin qabsoofne. Sabaaf jecha jiruu keenya wareegne. Hattuu fi yartuu sabatti taphachiisuuf otoo hin taane, Karaa ijaarameen gaafii sabaa deebisuu fi faayidaa ummataa eeguuf badhaadhina seenne. Qabatamaatti galmi keenya badhaadhina taanan, Araara fi nagaatu karaa dha! Rakkoo qe’ee keenyaa kan dhale caba siyaasaa ta’uu addunyaatu beeka. Caba siyaasaa ammoo marii malee waraanni hin fayyisu. Obboleeyyan wal-nyaachisuun milkii waloo ni fageessa malee hin dhiyeessu. Gaafa jijjiiramaa dhugaa, araara fi nagaatu qajeeltoo keenya jenne. Waan dura dubbanneef yoo amanamne, guyyuu nagaa fi obbolummaa lallabuu malle! Faayidaa ummataatiif hoomtuu nagaa irra hin caalle! Maraafuu nagaa, nagaa, ammas nagaa! Nageenyi badhaadha!

Rakkoo siyaasaa marii dhugaatu fura!

Send as a message
Share on my page
Share in the group
7 month Translate - Facebook
Translation is not possible.
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

- Israeli ground troops are organizing a genocide, rounding up civilians in and shooting them dead

- Израильские наземные войска устраивают геноцид, собирают мирных жителей в и расстреливают их

#Палестина #gaza #palestine

12 views
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

🛑ዬዲዮት አህሮኖት ጋዜጣ ያወጣው፡-

👉«ሀማስ በጋዛ ሽንፈትን የሚያሳይ ምንም ምልክት እስካሁን የለም፣ እና “እስራኤል” እጁን ወደ ላይ በማንሳት ምንም ተዋጊ ሲወጣ አላየም።»

🛑አንድ የጽዮናዊ የጦር መኮንን ሲናገር:–

👉«በጋዛ ምድር ላይ በተደረገው ዘመቻ ወደ “ዋላ” ድረ-ገጽ ተጎድቷል፡ በጋዛ መናፍስት እና አጋንንት እያጋጠሙን ነው፣ በቂ ዝግጅት ቢደረግም ከየት የሃማስ ተዋጊዎች ወደ እኛ እንደሚመጡ አናውቅም።»

መረጃው ለሌሎችም እንድደርስ ሸር ያድርጉት🙏

📢ሌሎች ፈጣን እና የተለያዩ መረጃዎች እንድደርስዎ ፔጃችንን ይቀላቀሉ ፎሎ በማረግ

Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

اللَّهُمَّ صَلّ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ كَمَا صَلّيْتَ عَلَى إِبْرَاهِيمَ وَعَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ إِنَّگ حَمِيدٌ مَجِيدٌ ،، وَبَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ كَمَا بَارَكْتَ عَلَى إِبْرَاهِيمَ وَعَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ إِنَّگ حَمِيدٌ مَجِيدٌ

Send as a message
Share on my page
Share in the group