UMMA TOKEN INVESTOR

ترجمہ ممکن نہیں

• IDDOO 10 tti CALDHISII.

1 . Yeroo Qur’aanni Qara’amu Caldhisi. Yeroo Kan Si Uume Sitti Haasa’u Caldhisuun Milkaa’ina.

2 . Dhibee Kee Dubbattee Nama Si Hubachuu Hin Dandeenye Biratti Caldhisi.

3 . Waan Haasoftu Irratti Beekkumsa Yoo Hin Qabaanne Caldhisi.

4 . Wollaalaa Akka Wollaalaa Ta’e Wollaale Biratti Caldhisi.

5 . Haasofni Kee Sababa Waa Diiguu Akka Ta’e Gaaf Hubatte Caldhisi.

6 . Yeroo Arrabni Kee Hammeenya Nama Biroo Dubbachuuf Jarjaru Hin Dubbatinii Caldhisi.

7 . Yeroo Nama Aaree Sitti Fiigu Bira Geesse Caldhisi. Wanti Nama San Qabbaneessu Caldhisuu Kee Qofa.

8 . Yeroo Namni Gaarii Fi Yaadni Isaa Si Caalu Haasa’u Caldhisi.

9 . Yeroo Namni Waa Si Barsiisu Caldhisi. Afaan Jecha Dhangalaasuun Jechi Hin Seenu Waan Ta’eef.

1 0 . Bakka Caldhisuun Haasa’uu Caala Gatii Qabutti Caldhisi.

!!Callisuun Hayyummaadha

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group
ترجمہ ممکن نہیں

Duubbistuu malee bira hin darbiin

Waa afur "4" Rabbi siif haa kennu. Niyyadhuti Amiiiin

jedhii

️Bisimillaha maqaa Rabbitiin...

1. Iimaana guutuu

2. Rabbi sodaatuu

3. Qananiin jiraatuu

4. Umrii dheeratuu...

Waa afur rabbi siif haa laaffisu.

1. Kheeyrii hojjachuu

2. Haraam eegachuu

3. Dilii rraa towbachuu

4. Ibaadaa hojjachuu...

Nama waa afur qabu rabbi sihaa godhu

1. Kabajamaa namaa

2. Jaalala namaa

3. Quuqama sabaa

4. Farra kijibaa...

Waa afuriin rabbi sihaa shallamu.

1. Aalima saahibuun

2. Haadha fi abbaa kabajuun

3. Kheeyritti nama ajajuun

4. Hamtuu rraa nama dhoorkuun...

Rabbi siif haa kennu

- BALLOO isii booda RAKKOON hin jirre

- GAMMACHUU isii booda GADDI hin jirre.

- ARKATA isa booda DHABNI hin jirre

- JAALALA isa booda JIBBAAN hin jirre...

waan Afur Rabbin sif ha lafisu

1sunnaa Rasula Salallahu Aleyi wasalam hordofuu

2 ajajaa Rabbii jallaa demuu

3 Abbaa manaa offii kabajjuu ykn hadhaa mana ke

kabajuu

4 Namaaf tolaa olluu

Du'a afur Rabbi sirraa haa qabu.

1. Dargagummaan du'uu

2. Dingatatti du'uu

3. Konkolaataan du'uu

4. Haraam Irratti du'uu.

Amiiiin

Alahuma sali Alaa nabbiyana Muhamad Salallahu Aleyi

wasalam

Ya Rabbi nama Aamiiiin ja'e cufaafuu qeebali.

Aamiiiin allaahumma Aamiiin...

#kheeyirii_facaafadhu

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group
ترجمہ ممکن نہیں

Areeda Ifirraa Ciree Fatanaa Ajaa’ibaa Keessa Seene

•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Nama Gammachiisuuf Jettee Rabbii Kee Hin Dallansiisin

Shamarreen biyya Ameerikaa keessa jiraattu takka maatii ishee ziyaaruuf jecha gara biyya warra isheetti dhufte. Karaadhuma sanaan dargaggeessa iimaanaa fii akhlaaqa gaarii qabutti heerumuu akka barbaaddu adeera isheetti himuun nama gaarii barbaachifachuu eegalti.

Adeeraan ishees bifa isatti himame irratti hundaa'uun dargaggeessa diinii isaa irratti jabaa dha jedhee yaadu eega yaadaa ture booda dargaggeessa masjiida keessatti beekuun tokko ofitti yaamuun yaada kana mari'achiise.

Dargaggeessichi yaada eega dhageeffatee booda marhabaa jedhee fudhate. Abbeeraan shamarree kunis dargaggeessa kanaa fii mucayyoo walitti fidee

walbarsiiseen. Mucayyoonis gurbicha yeroo dheeraaf eega haasofsiiftee booda gurbaa sirna qabuu fii

bareedaa tahuu isaa barte jaalatteen.

Guyyaa tokko maatii ishee biratti affeerraa laaqana qopheessitee gurbaa jaalatte kana manatti waamte. Eega laaqana nyaatanii xumuranii booda isa geggeessuuf jecha gurbaa wajji gara alatti gadi

baate. Gurbaan areedni isaa sunnaa dha. Areeda dheeraa qaba.

"Maashaa Allah" kan nama jechisiisuu dha. Isheenis areeda isaa kana ilaaltee akkana isaan jette.

"Ani akkaataa fii haala kee hunda jaaladhee jira. Yeroo dhihoo keessattis nikaaha ni hidhanna. Haa tahuu garuu areedni kee kun jaarsa si fakkeessee jira." jetteen.

Dargaggeessichis "kuni si hin yaachisin..." jechuun guyyaa itti aanu areeda isaa guutumaan guututti haadatee dhufe.

Mucayyoonis gurbaa areeda isaa haaddatee dhufe kana ilaalteetiin ni dallante malee hin gammadne.

Akkanas jetteen "Ati ajaja kootiif jettee ajaja Nabiyyii ﷺ kan diigduu gonkumaa jaarsa kan koo tahuu hin dandeessu!" Jechuun kophatti isa gattee biraa kutte.

Allahu Akbar!

Mee wollaahi dhugaa dubbachuuf meeqa keenyatu nama gammachiisuuf jecha ajaja Rabbii fii Ergamaa Rabbii ﷺ diigeetiin bira dabraa jira? Mannumti nu haa

laakkawuu!

Ilaalaa Xiinxallaa, Dargaggeessi kun sunnaa irraa tahee sunnaa irraa hin taane. Mucayyoo irraa tahee

mucayyoo irraa hin taane. Bilaasha lafatti hafe. Rabbiin nu haa tiksu!

Allahumma arinal haqqa haqqan warzuqnaa ittibaa'a,

wa arinal baaxilaa baaxilan warzuqnaa ijtinaaba,

Yaa Allah! Haqa haqa tahuu ishee nu beeksisi ishee hordofuu nu waffaqi, Yaa Allah! Baaxila baaxila tahuu ishee nu beeksisi ishee irraa of tiksuus nu waffaqi!

Aamiin Yaa Rabbi!

https://www.facebook.com/profi....le.php?id=6155319929

Aktualisiere deinen Browser | Facebook

Send as a message
Share on my page
Share in the group