Translation is not possible.
• IDDOO 10 tti CALDHISII.
 
1 . Yeroo Qur’aanni Qara’amu Caldhisi. Yeroo Kan Si Uume Sitti Haasa’u Caldhisuun Milkaa’ina.
 
2 . Dhibee Kee Dubbattee Nama Si Hubachuu Hin Dandeenye Biratti Caldhisi.
 
3 . Waan Haasoftu Irratti Beekkumsa Yoo Hin Qabaanne Caldhisi.
 
4 . Wollaalaa Akka Wollaalaa Ta’e Wollaale Biratti Caldhisi.
 
5 . Haasofni Kee Sababa Waa Diiguu Akka Ta’e Gaaf Hubatte Caldhisi.
 
6 . Yeroo Arrabni Kee Hammeenya Nama Biroo Dubbachuuf Jarjaru Hin Dubbatinii Caldhisi.
 
7 . Yeroo Nama Aaree Sitti Fiigu Bira Geesse Caldhisi. Wanti Nama San Qabbaneessu Caldhisuu Kee Qofa.
 
8 . Yeroo Namni Gaarii Fi Yaadni Isaa Si Caalu Haasa’u Caldhisi.
 
9 . Yeroo Namni Waa Si Barsiisu Caldhisi. Afaan Jecha Dhangalaasuun Jechi Hin Seenu Waan Ta’eef.
 
1 0 . Bakka Caldhisuun Haasa’uu Caala Gatii Qabutti Caldhisi.
 
!!Callisuun Hayyummaadha
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group