UMMA TOKEN INVESTOR

Abu_imran2 shared a
ترجمہ ممکن نہیں

Haala yeroo irratti ibsi ejjennoo Gamtaa Ulamoota Oromiyaa irraa kennameera. Tibbana dhimma Jimaa/Caatiitiin wal qabatee dubbiin qilleensa irra jiru namoota hedduuf gaaffii guddaa ta'ee bubbuleera. Kanaanis wal qabatee kabajni ulamootaa yoo tuqamus muldhateera.

Dhimmi kun kan isa yaachise gamtaan Ulamoota Oromiyaa ibsa ejjennoo jechuun kallattii Walitti qabaa gamtichaa Muftii Oromiyaa Dr.Kamaal Galatoo fi Dr.Jibriil Qamariin laatee jira. Ibsichi qabxiiwwan armaan gadii of keessatti qabateera.

Walitti bu'iinsi namoota Caatiin/Jimaan haraamafi halaala jedhan gidduutti deemaa jiru heddu nu yaachiseera. Kun immoo yaadan wal dhabuun gidduu ulamaatti waanuma dur irraa eegalee muldhataa dhufe ta'us harra namoonni dhimmichi isaan hin ilaalanne harka keessa naquun waan muldhateef ibsa kana kennuu murteessineerra jedhan Muftiin Oromiyaa Dr.Kamaal Galatuu.

Waanni Haraamaa fi Halaalaa kan ilaallatu Ulamoota qofa waan ta'eef namoonni dhimmi kun isin hin ilaallanne hundi akka irraa of qabdan maqaa kootiifi Maqaa Ulamoota Oromiyaatiin isin gaafadhas jedhaniiru. Keessattuu immoo dhimmoota gidduu ulamootaatti wal mormii qabdu irraa akka of tiksitan isin gaafanna jedhan ibsa Kallattii Tv Hamiltaniin kennaniin.

"Rooba dhufu karaa dhufu warra biyyaatu beeka" jedhama. Kanaaf dhimma Jimaa/Caatii kana hanga Ulamoota Oromiyaa waamee murtee tokko irra qaqqabnutti akka irraa of nuuf qabdan maqaa Kootiif maqaa Ulamoota Oromiyaatiin isin gaafadha jechuun dabarsaniiru.

Dhimmi Halaalaafi Haraamaa Ulamoota qofa ilaallata. Kanaaf dhimma kana keessa akka harka hin seensisne,yoo kana hin taane Ulamoota irratti akka daangaa darbitaniittu jedheen amana jechuun yaada isaanii guduunfaniiru.

Dr. Jibriil Qamar gama isaaniitiin dhimmi amma deemaa jiru hawaasa keenya gudduutti wal irraa fageenya uumaa waan jiruuf mooraa Ulamootaa keessa akka hin seenne isiniin jenna jedhaniiru. Dhimma amma deemaa jiru irratti qorannoo gadi fageenya goonee Ulamoota Oromiyaa kutaa hundaa irratti mariisisnee Ulamoota Oromiyaa 13 waan qabnuuf isaan waliin kanatu mala waan jedhu Fatwaa irratti ni dabarsus hedhan Dr. Jibrii Qamar.

Haraamummaafi Halaalummaa Caatii irratti.

----------------------------------------------------------------------

1,Mas'alaa/Dhimma Ulamoonni irratti wal dhaban irratti Fatwaan kennamu wal fakkaataa ykn tokko ta'uu qaba.

2, Mas'alaa/Dhimmoota gidduu Ulamaatti wald habdeen jiru keessaatti aadaabni qabaachuu qabnu, mallattoon keenya kan ta'uu qabu jecha Imaamu Al-Shaafi'ii"Jechii koo sirriidha garuu dogoggora qabaachuu mala,Jechi namootaa biroo dogoggora utuu ta'uu Sirriidha" kan jedhu.

3,Namoota Miidiyaa Hawaasaa irratti dhimma kana keessa seenuun Ulamoota irratti daangaa darban ni akeekachiisna. Gochi isaan Ulamootaafi Du'atotaan jechaa jiran,Akk waan Ulamootaafi Du'aatota guutuu Itiyoophiyaatti daangaa darbaniitti ilaalla.

4, Sheekoliifi Du'atoota akkasumas namoota miiraan dubbataniifdhaamsi keenya akka Mas'alaa ykn dhimma beekumsa gadi fagoo barbaadu keessa hin seenne. Dhimmoonni akkasii wal falmii,wal dhabee fi gidduu hawaatti addaan ba'iinsa waan argamsiisuuf akka irraa of qusattanis ni dhaamna.

5, Nuti akka Gamtaa Ulamootaatti dhimma kana irratti qorannoo gadi fagoo taasisuun akkuma mas'alaa/dhimmoota biroo Ulamoota waliin irratti maryachuudhaan Fatwaa ni kennina. Kanaaf hanga sanatti namni kamillee dhimma kana keessa akka hin seenne akka irraa of qusatu ni akeekachiisna.

6, Dhuma irratti Ummata Muslimaa maraaf addatti ammoo Ulamootaafi Du'atoota keenyaaf sodaa Rabbii dhaamna.

والسلام عليكم ورحمة وبركاته.

Onkoloolessa 12/2016

Gamtaa Ulamoota Oromiyaa irraa

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Abu_imran2 shared a
ترجمہ ممکن نہیں

Baankiin Hijraa ulamaa'ota naannoo Oromiyaatiif leenjii kennaa jira

Spider Media : Onkoloolessa 14/2016

Baankiin Hijraa ulamaa'ota naannoo Oromiyaa bakkoota garaa garaa irraa walitti dhufan 50f hojmaata baankii dhala irraa bilisaa ilaalchisuun leenjii hubannoo uumuu magaalaa Finfinnee hoteela Ambaasaaddaritti kennuu eegaleera.

Leenjicha kan kennan yunivarsiitii Kuwaataaritti piroofeesara seerota Islaamaafi dhimmoota ammayyaa, mana maree hayyoota muslimaa idil-adduunyaatti hoogganaa damee qo'annoofi fataawaa, hundeessaa pirojektii seerota islaamaa kanneen bara irratti xiyyeeffatanii, miseensa dhaabbataa dhaabbata sadarkeessa baankiilee islamaa idil-adduunyaa akkasumas yeroo ammaatti ammoo gorsaa olaanaa Baankii Hijraa ta'uun hojii kan eegalan Piroofeesar Doktar Fadil Muraadi.

Sagantaa baniinsaa guyyaa har'aa irratti perezidaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee Sheyik Sulxaan Amaan, perezidaantii majlisa Oromiyaa Sheyik Jamaal Muusaa, perezidaantii ulamaa'ota Oromiyaa Doktar Kamaal Haji Galatuu, Ustaaz Ahmaddiin Jabal akkasumas hooggantoonni boordii Baankii Hijraa argamaniiru.

Leenjiin har'a kennamuu eegale kunis guyyoottan lamaaf kan turuudha.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@

Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
image
image
+9
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Abu_imran2 shared a
ترجمہ ممکن نہیں

Leenjiin qopheessummaa Baankiin Hijraatiin ulamaa'ota naannoo Oromiyaatiif kennamaa ture xumurame

Spider Media : Onkololeessa 16/2016

Leenjiin qopheessummaa Baankiin Hijraatiin magaalaa Finfinnee hoteela Ambaasaaddaritti ulamaa'ota naannoo Oromiyaa bakkoota garaa garaa irraa walitti dhufan 50f guyyoottan lamaaf kennamaa ture xumurameera.

Leenjicha kennaa kan turan yunivarsiitii Kuwaataaritti piroofeesara seerota Islaamaafi dhimmoota ammayyaa, mana maree hayyoota muslimaa idil-adduunyaatti hoogganaa damee qo'annoofi fataawaa, hundeessaa pirojektii seerota islaamaa kanneen bara irratti xiyyeeffatanii, miseensa dhaabbataa dhaabbata sadarkeessa baankiilee islamaa idil-adduunyaa akkasumas yeroo ammaatti ammoo gorsaa olaanaa Baankii Hijraa ta'uun hojii kan eegalan Piroofeesar Doktar Fadil Muraadi.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@

Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
image
image
+4
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Abu_imran2 shared a
ترجمہ ممکن نہیں

Baankiin Hijraa ulamaa'ota naannoo Oromiyaatiif leenjii kennaa jira

Spider Media : Onkoloolessa 14/2016

Baankiin Hijraa ulamaa'ota naannoo Oromiyaa bakkoota garaa garaa irraa walitti dhufan 50f hojmaata baankii dhala irraa bilisaa ilaalchisuun leenjii hubannoo uumuu magaalaa Finfinnee hoteela Ambaasaaddaritti kennuu eegaleera.

Leenjicha kan kennan yunivarsiitii Kuwaataaritti piroofeesara seerota Islaamaafi dhimmoota ammayyaa, mana maree hayyoota muslimaa idil-adduunyaatti hoogganaa damee qo'annoofi fataawaa, hundeessaa pirojektii seerota islaamaa kanneen bara irratti xiyyeeffatanii, miseensa dhaabbataa dhaabbata sadarkeessa baankiilee islamaa idil-adduunyaa akkasumas yeroo ammaatti ammoo gorsaa olaanaa Baankii Hijraa ta'uun hojii kan eegalan Piroofeesar Doktar Fadil Muraadi.

Sagantaa baniinsaa guyyaa har'aa irratti perezidaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee Sheyik Sulxaan Amaan, perezidaantii majlisa Oromiyaa Sheyik Jamaal Muusaa, perezidaantii ulamaa'ota Oromiyaa Doktar Kamaal Haji Galatuu, Ustaaz Ahmaddiin Jabal akkasumas hooggantoonni boordii Baankii Hijraa argamaniiru.

Leenjiin har'a kennamuu eegale kunis guyyoottan lamaaf kan turuudha.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@

Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
image
image
+9
Send as a message
Share on my page
Share in the group
ترجمہ ممکن نہیں

❤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤 ❤❤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤 ❤❤❤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤 ❤❤❤❤⚪⚪⚪⚪⚪⚪⚪⚪⚪ ❤❤❤❤❤⚪⚪⚪⚪⚪⚪⚪⚪ ❤❤❤❤⚪⚪⚪⚪⚪⚪⚪⚪⚪ ❤❤❤💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚 ❤❤💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚 ❤💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚

Palestine

Send as a message
Share on my page
Share in the group