UMMA TOKEN INVESTOR

About me

Journalist and author

Translation is not possible.

Baga Ayyaana Iid Al Fixir bara Hijraa 1445ffaa geessan. Isa dhufuunis Rabbi isin haa ga'u.

#eidmubarak

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Masjiidni guddichi Afriikaa Aljeeriyaatti eebbifame

Spider Media : Guraandhala 18/2016

Perezidaantiin mana maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa sirna eebba masjiida guddichaa Afriikaa Jama'atal Jazaa'ir Aljeeriyaatti ijaaramee irratti argamaniiru.

Sheyik Hajjiin sirnichatti argamuun haasaa taasisaniin sagantaa eebba masjiida guddichaafi miidhagaa Jama'atal Jazaa'ir irratti argamuu isaaniitiif gammachuu isaanitti dhaga'ame maqaa isaaniifi maqaa mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatiin ibsaniiru.

Itti dabaluun manni maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa maqaa mootii As-Haamaa bin Abjaar (Najaashii)tiin waajira muumichaa Gamtaa Afriikaa fuulduratti masjiida sadarkaa isaa eeggate ijaarsisuuf halduree hunda xumura jira jedhani.

Magaalaa Aljeersittu sirna ho'aadhaan kan eebbifame masjiidni Jazaa'ir Makkaafi Madiinaatti aansee sadarkaa sadaffaa akka qabatu kan himame yoo ta'u akka Afriikaattu ammoo masjiida isa guddichaati jedhame.

Perezidaantiin Aljeeriyaa AbdulNajiib Tiiboonii saganticha irratti argamuun masjiidicha eebbisiisaniiru

Dr Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa affeerraa Amiira muslimoota Aljeeriyaa Sheyik Muhaammad Al Mamuun Musxafaa Al Qaasimiitiin isaaniif taasifameen biyyattiitti fooramii aalimootaa irratti hirmaachuun dheengadda gara Aljeeriyaa imaluun isaanii kan yaadatamuudha.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Dandeettii hoggansa Islaamaa guddisuun dhaloota hojii uumu oomishna > Majlisa

Spider Media : Guraandhala 9/2016)

Mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti Dameen Dhimma Dubartootaafi Dargaggootaa mataduree "Dandeettii hoggansa Islaamaa guddisuun dhaloota hojii uumu oomishuu" jedhuun hooggantoota damechaatiif leenjii guyyoottan lamaaf turu kennuu eegaleera.

Hoji gaggeessan mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Haji Kamaal Haaruun sirna baniinsaa sagantichaa irratti argamuun haasaa taasisaniin, majlisichi erga labsiin hundaa'ee booda hojiilee jijjiirramaa hojjataman keessaa tokko Damee Dhimma Dubartootaafi Dargaggootaa hundeessuudha jedhan.

Mana marii dhimmoota Islaamaatti bakka buutonni damee dubartootaafi dargaggootaa naannoolee hundaa akkasumas magaalota leenjicha irratti hirmaataa jiru.

Leenjiin galma walgahii mana marechaatti har'a eegale kun guyyaa boriis itti fufe kan gaggeeffamu ta'uun ibsameera.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
image
image
+3
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Finfinnee seenan

Spider Media : Guraandhala 8/2016

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheyik Mahmud Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Pireezidaant Hasan Sheyik Mahmud wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahmad Shiidee simataniiru.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group