Translation is not possible.

Baankiin Hijraa ulamaa'ota naannoo Oromiyaatiif leenjii kennaa jira

Spider Media : Onkoloolessa 14/2016

Baankiin Hijraa ulamaa'ota naannoo Oromiyaa bakkoota garaa garaa irraa walitti dhufan 50f hojmaata baankii dhala irraa bilisaa ilaalchisuun leenjii hubannoo uumuu magaalaa Finfinnee hoteela Ambaasaaddaritti kennuu eegaleera.

Leenjicha kan kennan yunivarsiitii Kuwaataaritti piroofeesara seerota Islaamaafi dhimmoota ammayyaa, mana maree hayyoota muslimaa idil-adduunyaatti hoogganaa damee qo'annoofi fataawaa, hundeessaa pirojektii seerota islaamaa kanneen bara irratti xiyyeeffatanii, miseensa dhaabbataa dhaabbata sadarkeessa baankiilee islamaa idil-adduunyaa akkasumas yeroo ammaatti ammoo gorsaa olaanaa Baankii Hijraa ta'uun hojii kan eegalan Piroofeesar Doktar Fadil Muraadi.

Sagantaa baniinsaa guyyaa har'aa irratti perezidaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee Sheyik Sulxaan Amaan, perezidaantii majlisa Oromiyaa Sheyik Jamaal Muusaa, perezidaantii ulamaa'ota Oromiyaa Doktar Kamaal Haji Galatuu, Ustaaz Ahmaddiin Jabal akkasumas hooggantoonni boordii Baankii Hijraa argamaniiru.

Leenjiin har'a kennamuu eegale kunis guyyoottan lamaaf kan turuudha.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@

Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
image
image
image
image
image
image
image
image
image
image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group