UMMA TOKEN INVESTOR

Translation is not possible.

assalaamu aleeykum warahmatullaah wabarakaatuh

"Waa'ee Masjiid Al-aqsaa maaf dubbachaa ooltu ykn post godhaa ooltu?!" Ja'anii nagaafatan. Aniis akkas ja'een deebiseef.

1. Masjiid Al-aqsaan iddoo jireenya Anbiyootaati. Nabi Ibrahim achitti Hijraa bahe. Nabi Luux achitti nagaya bahe. Nabi Daawud fi ilmi isaa Nabi Suleeymaan Achi jiraatan. Seenaan mixiin Nabi Suleeymaan wajji haasawuutiis achitti raawwatte.

2. Nabi Iisaan (Jesus son of Meryam) achitti dhalate. Achi jiraate. Gaafa gara samii olfuudhamu achirraa olfuudhame. Gaafa gara dachii bu'uus achirraan gad bu'a. Masiihu addajjaal achitti dhabama Taha.

3. Durirraa jalqabee seenaa hedduutu achitti raawwatame, ammallee raawwatamuuf jiraata. Nabiyyiin ﷺ achirraan gara samii olbahe. Achitti Anbiyaa cufaaf Imaama tahee salaate. Seenaan Xaaluut fi Jaaluut achitti raawwatamte. Ya'ajuuj fi Ma'ajuuj achitti dhabama tahuuf jiraatan. Ardiin Mahshar achitti dhaabbatti.

4. Qabrii fi Qiblaa Nabiyoota hedduu Akka taateetu amanama. Osoo gara Ka'abaa deebi'utti hin ajajamin Nabiyyiin ﷺ achitti gara galee salaataa ture.

5. Makkaa fi Madiinatti aantee Magaalaa kabajamtuu fi qulqulluu (Holly City) dha. Salaanni isa keessatti salaatame salaata bakka biraatti salaatame irra dachas 500 caala. Masjiidni Quraana keessatti maqaa isaatiin dubbatame Masjiida kana qofa ja'ama.

Walumaa galatti biyya Nabiyyiin ﷺ itti dhihaachutti nu ajajeedha. Hadiisa Imaamu Ahmad odeeyse keessatti Sahaabiin "Zul-asaabi'i" ja'amu "Yaa Ergamaa Rabbii! Sibooda Yoo rakkanne eessa Akka jiraannu nu ajajja?!" Ja'ee gaafannaan "Beeytalmaqdis galutti si ajaja" ja'een.

Injifannoo fi gammachuu achirraa Rabbi nuhaa dhageeysisu!

#esa_yusuf from @Library_Islaamaa #gaza #islam

Send as a message
Share on my page
Share in the group
Esa Yusuf Сhanged his profile picture
6 month
Translation is not possible.

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group