UMMA TOKEN INVESTOR

Translation is not possible.

Don't confuse the Dome of the Rock with Masjid Al-Aqsa. Stay vigilant against the conspiracy of the Western media!

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

°*°RAGAAWWAN NU MARSAN # KUTAA

# TOKKOFFA °*°

...✍By: Ibn Anwar

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa,Akkaan

Raahmata Godhaa Taheetiin. Nagayaa Fii

Raahmanni Barsiisaa Nagayaa Kan Tahe;

Nabiyyii Aalamaa; Ergamaa Keenya Kan Lubbuu Teenya Caalaa Jaalannu; Mahammed Ibnu Abdullah Ibnu Abdulmuxxalib Irratti Haa jiraatu. Inshaa Allah Har'a Mata Duree

→↓→↓→↓

★★Ragaalee Nu Marsan★★Jedhu

Keessatti Ragaawwan Gurguddoo Afur Kan

Guyyaa Quyaamaa Dalagaa Ilmi Namaa Dalage Takka Takkatti Ragaa Namarratti Bahan Ilaalla Inshaa Allah.

→→→Dheerachuu Barreeffama Kiyyaatiin

Dhiifama Jechaa ←←←

Obsaan Yoo Dubbiftan Akka Rabbiin Takkaa Takkaa Qubeerratti gaarii Isiniif Katabu Du'aa'ii Tiyya kan yeroo Hundaati.

=========Dubbisa Gaarii…!========

★Ragaaleen Afran kunniin eenyu faadha laata? Enyu faadha? Jettanii yaaduun Keessan Ni Mala. Har'aaf Hunda Ilaaluudhaaf Iddoofi Yerooniis Waan Nu Hin Geenyeef Mee Afran Keessaa Lama Haa Ilaallu…

①☞RAGAA TOKKOFFAA~√Dachii/Lafa Nuti Irra Jiraannu.

Waa'een Dachii Kun Baay'ee Nama Ajaa'ibsiisa Baay'ee Nama Yaachisa. Har'a Mu'minaafi Kaafiraa,Dureessaafi Hiyyeessa,Guddaafi Xiqqaa, Kan Badii Irratti Hojjetuufii Kan Isii Keessa Tolchuuf Xaaru/Tattaafatuus Waluma Qixa Keessummeessitee Gaggeessiti. Guyyaa Boruu Garuu Fuula Rabbii Guddaa Duratti Namni Hundi Yeroo dhihaatu Tokkoo tokkoon Namaa waan Ishee irratti Dalagee datbe Hunda Takka takkaan Ragaa namarratti Baati yookiin Ragaa Namaaf Baati. Rabbiin(sw) Waa'ee kanaa Qur'aana isaa kabajamaa Keessatti Akkana Jechuun Nuuf Hima:-

(ِ ﺇِﺫَﺍ ﺯُﻟْﺰِﻟَﺖِ ﺍﻟْﺄَﺭْﺽُ ﺯِﻟْﺰَﺍﻟَﻬَﺎ * ﻭَﺃَﺧْﺮَﺟَﺖِ ﺍﻟْﺄَﺭْﺽُ ﺃَﺛْﻘَﺎﻟَﻬَﺎ *

ﻭَﻗَﺎﻝَ ﺍﻟْﺈِﻧْﺴَﺎﻥُ ﻣَﺎ ﻟَﻬَﺎ * ﻳَﻮْﻣَﺌِﺬٍ ﺗُﺤَﺪِّﺙُ ﺃَﺧْﺒَﺎﺭَﻫَﺎ * ﺑِﺄَﻥَّ ﺭَﺑَّﻚَ

ﺃَﻭْﺣَﻰٰ ﻟَﻬَﺎ * ﻳَﻮْﻣَﺌِﺬٍ ﻳَﺼْﺪُﺭُ ﺍﻟﻨَّﺎﺱُ ﺃَﺷْﺘَﺎﺗًﺎ ﻟِﻴُﺮَﻭْﺍ ﺃَﻋْﻤَﺎﻟَﻬُﻢْ *

ﻓَﻤَﻦْ ﻳَﻌْﻤَﻞْ ﻣِﺜْﻘَﺎﻝَ ﺫَﺭَّﺓٍ ﺧَﻴْﺮًﺍ ﻳَﺮَﻩُ * ﻭَﻣَﻦْ ﻳَﻌْﻤَﻞْ ﻣِﺜْﻘَﺎﻝَ

ﺫَﺭَّﺓٍ ﺷَﺮًّﺍ ﻳَﺮَﻩُ )

[Surat Az-Zalzala 1 - 8]

"Yeroo Dacheen Sochii Ishee Sosochoote,

Akkasuma (Yeroo) Dacheen Ba'aa Ishee Baafte, Namniis "Sila Isheen Maal Taate?" Jedhe, Guyyaa San Dacheen Oduu Ishee Ni Odeessiti. (Kunis) Waan Gooftaan Kee Ishetti Beeksisa Godheef. Guyyaa San Namoonni Hojii Isaanii Agarsiifamuuf Jecha Garee Gareen (Bakka Dhaabbii Irraa Deebi'u. Namni (Hanga) Madaala Atomii toltuu Dalage Isuma Arga. Namni (Hanga) Madaala Atomii Hamtuu Dalagees Isuma Arga."[Suuraa Zalzalaa 99:1-8]

√Warra Dachiin Ragaa Irratti Baate Osoo Hin Taane Warra Gaarii Dalagee Dachiin Ragaa Baatuuf Nu Haa taasisu Inshaa Allah.

②☞RAGAA LAMMAFFA~MALEEYKOOTA

Bitaa fii Mirga keenya irra Tokkoo tokkoo Dubbiifi Dalagaa Teenyaa Malaayikoota Kitaaba Dalagaa teenyaa irratti Barreessaniitu jiru. Rabbiin(sw) Waa'ee kanaa ilaalchisee Aayatoota Qur'aanaa Armaan gadii kana Keessatti yoonuuf himu:~

( ﻭَﺇِﻥَّ ﻋَﻠَﻴْﻜُﻢْ ﻟَﺤَﺎﻓِﻈِﻴﻦَ * ﻛِﺮَﺍﻣًﺎ ﻛَﺎﺗِﺒِﻴﻦَ * ﻳَﻌْﻠَﻤُﻮﻥَ ﻣَﺎ

ﺗَﻔْﻌَﻠُﻮﻥَ )

[Surat Al-Infitar 10 - 12]

"Dhugumatti Isin irra To'attootaatu Jiru.

Kabajamoo, Barreessitoota Kan Ta'an; Waan Isin Dalagdan Ni Beeku."(Al Infaaxir 82:10-12)

( ﺇِﺫْ ﻳَﺘَﻠَﻘَّﻰ ﺍﻟْﻤُﺘَﻠَﻘِّﻴَﺎﻥِ ﻋَﻦِ ﺍﻟْﻴَﻤِﻴﻦِ ﻭَﻋَﻦِ ﺍﻟﺸِّﻤَﺎﻝِ ﻗَﻌِﻴﺪٌ * ﻣَﺎ

ﻳَﻠْﻔِﻆُ ﻣِﻦْ ﻗَﻮْﻝٍ ﺇِﻟَّﺎ ﻟَﺪَﻳْﻪِ ﺭَﻗِﻴﺐٌ ﻋَﺘِﻴﺪٌ )

[Surat Qaf 17 - 18]

"Yeroo (Maleeykonni) Jecha Fuudhan Lamaan Mirgaa fii Bitaa Isaa Irra Taa'anii jecha fuudhan (nuti gara isaatti dhihoodha). Tiksaan,Itti Dhihaataan Isa Bira Jiraatu malee Jecha Tokkoyyuu hin Dubbatu."(Suuratu Qaaf 50:17-18)

( ﺃَﻡْ ﻳَﺤْﺴَﺒُﻮﻥَ ﺃَﻧَّﺎ ﻟَﺎ ﻧَﺴْﻤَﻊُ ﺳِﺮَّﻫُﻢْ ﻭَﻧَﺠْﻮَﺍﻫُﻢْ ۚ ﺑَﻠَﻰٰ ﻭَﺭُﺳُﻠُﻨَﺎ

ﻟَﺪَﻳْﻬِﻢْ ﻳَﻜْﺘُﺒُﻮﻥَ )

[Surat Az-Zukhruf 80]

"Nuti Iccitii isaaniifi maqoo isaanii hin dhageenyu yaadanii? Lakkisaa! (ni dhageenya); Ergamtoonni keenyaas isaan biraa barreessaa jiru."(Az Zukhruf 43:80)

√Kanaafu Namni waan fedhe dubbachuurra Gaari gaarii filatee Dubbachuutu irraa Eegama.Wan Har'a Dalagnu Hundi Guyyaa Boruu/Aakhiraa Kitaaba dalagaa tenyaa keessatti barreeffamee Arguun keenya waan shakkii hin qabneef.Sababni isaas Malaaykoonni Dursanii Barreessanii Wan turaniif. Kitaabni dalagaa kun Barreffamuun isaa kan addaan citu Abbaan Kitaabichaa yoo du'e Qofaadha. Yeroo Abbaan Kitaabichaa du'e Kitaabichi Ni marama. Garuu Qiyaamaa Gaafa Qabrii Kaafame Kitaabni isaa akka inni waan harka isaatiin dabarfate dubbisuuf ni kennamaaf. Yeroo san Kitaaaba Dalagaa keetii dubbisi jedhamaan. Rabbiin(sw) Yoo waa'ee kanaa ibsu:~

( ﺍﻗْﺮَﺃْ ﻛِﺘَﺎﺑَﻚَ ﻛَﻔَﻰٰ ﺑِﻨَﻔْﺴِﻚَ ﺍﻟْﻴَﻮْﻡَ ﻋَﻠَﻴْﻚَ ﺣَﺴِﻴﺒًﺎ )

[Surat Al-Isra 14]

"Kitaaba Kee Dubbisi. Har'a mataan kee of irratti herregaa ta'uuf Ga'aadha."(Suuraa Israa' 17:14)

Rabbiin Warra Kitaabni Dalagaa isaa

Kheeyriidhaan Guutamee Mirgaan Fudhatu Nuhaa Taasisu Inshaa Allah.

…✍Inshaa Allah Kutaa Lammaffaan Itti Fufa…

Follow and share. »» https://ummalife.com/ibnanwar

★★★★★

Send as a message
Share on my page
Share in the group
ibnanwar Сhanged his profile picture
6 month
Translation is not possible.

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group