QorannooAmantiiKiristaana Profile Picture
UMMA TOKEN INVESTOR

Translation is not possible.

Haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha malee hin jiru.

✍ Seera ba’uu 20፡22

"እግዚአብሔር ሙሴን አለዉ፡፡ ለእስራኤል ልጆች እንዲህ በል፡፡ እኔ ከሰማይ እንደተናገርኋችሁ እናንተ አይታችኋል፡፡ በአጠገቤ ምንም አታደርጉ፤ የብር ኣማልክት የወርቅም አማልክት ለእናንተ አታደርጉ"

"yommus Waaqayyo Museetti dubbatee, “Ati Israa’elootaan Waaqayyo akkana jedha; “Ani waaqa irraa dubbachuu koo ofii keessanii iyyuu argitaniittu” isin ana dhiiftanii waaqayyoolii meetii irraa yookiin warqii irraa hojjetaman hin tolfatinaa!"

Keyyatni kun;- Nabiyyi Museen ummata isaatti; waaqni samii irraa isaanitti dubbachuu isaa akka hime ibsuun, waaqni ana tokkicha qofa akka gabbaran fi wantoota tolfaman ykn bocaman akka hin gabbarre jechuu akka barsiisaa ture ibsa. Warri pirotestanii, macaafa Museettis ni amanuu? Yoo ni amanu ta’e, keyyattoota kanaa olii maaliif hin ilaalle? Yoo hin amanan ta’e, maaliif baadhatanii deemu?

✍ Seera ba’uu 18:11

"ትዕቢት ባደረጉባቸዉ ነገር እግዚአብሔር ከአማልክት ሁሉ እንደሚበልጥ አሁን አወቅሁ አለ"

"Waaqayyo, yeroo warri Gibxii saba isaatti gooftummaa agarsiisuudhaan isaan rakkisanitti harka isaanii jalaa isaan waan baaseef, ‘waaqayyoolii waarra kaan hunduma irraa akka inni caalu ani amma nan beeka’ jedhe."

Keyyatni kun;- wantootni ilmi namaa amantii godhatee gabbaru hedduu ta’uu hubachiisuun, waan gabbaramu kana hunda irra caalaan waaqa qofa akka ta’e ibsa. Osoo macaafni isaanii waaqa qofatti amanuun irra caalaa ta’uu utuu ibsuu, Yesuus waaqa jedhanii gabbaruun maaliif barbaachise? Yesuus, yeroo barsiisaa turetti; Ayihuudoonni rakkisaa akka turan beekamaadha. Rakkina kana of irraa hambisuu dadhabnaan, hanga ajjeessuutti itti adeeman. Reebicha fi ajjeeffamuu jalaa akka miliquu hin dandeenye hubadhaa! Yesuus, utuu waaqa ta’ee; kun akkamitti irratti raawwatama? Kan gabbaramuu qabu; Waaqa isa waan hunda irra caalaa, isa Yesuusiin uumee, ergatee, ofitti isa fudhate sana ta’uu qaba malee, Yesuus isa uumamee ykn dhalate, isa ergame, sana ta’uu hin qabu.

👉 Telegram channel:- https://t.me/Dhugaa_Dhokate

👉 Telegram channel:-

https://t.me/+VEf9ngIGA3DPgg3d

👉 Facebook:- https://www.facebook.com/profi....le.php?id=1000918331

👉 Ummalife keenya:-

https://ummalife.com/QorannooAmantiiKiristaana

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Dʜᴜɢᴀᴀ ᴅʜᴏᴋᴀᴛᴇ
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Yesuus nabiyyii Rabbii isa kabajamaa dha.

1✍ Maarqos 6:4

“ኢየሱስም ነቢይ ከገዛ ኣገሩና ከገዛ ዘመዶቹ ከገዛ ቤቱም በቀር ሳይከበር ኣይቀርም ኣላቸው”

"Yesus immoo, "Raajiin iddoo biraatti malee biyya isaatti, lammii isaa gidduutti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu" isaaniin jedhe."

Yesuus yemmuu Yihudoonni dubbii isaa fudhachuu didanitti; "Siluma Nabiyyiin naannoo ofitti kabaja hin qabu" jedhe. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

2✍ Maatewos 13:57

“ኢየሱስ ግን ነቢይ ከገዛ ኣገሩና ከገዛ ቤቱ በቀር ሳይከበር ኣይቀርም ኣላቸው”

"Isaan kanaaf isa maman; Yesus garuu, "Raajiin iddoo biraatti malee, biyya isaatti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu" isaaniin jedhe."

"Yesuus Nabiyyiin saba ofii keessatti kabaja hin qabu" jedhe. Eenyuun jedhe? Ofumaa jedhe. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

3✍ Maatewos 21:11

“ሕዝቡም ይህ ከገሊላ ናዝሬት የመጣ ነቢዩ ኢዩሱስ ነው ኣሉ”

"Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiiiaa ti" jedhee deebise."

Ummanni yeroo sana ture, Yesuus nabiyyii magaalaa Naazireet irraa dhufe akka ta'e dubbatani. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

4✍ Maatewos 21:46

”ሊይዙትም ሲፈልጉት ሳሉ ሕዝቡ እንደ ነቢይ ስላዩት ፈሩአቸው”

"Kana irratti isa qabachuu yaalan, garuu tuuta warra Yesusin akka raajiitti fudhatan sana sodaatan."

Yesuusiin qabuu barbaadanii, ummata Yesuusiin akka Nabiyyiitti fudhatan sodaatani. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

5 ✍ Luqaas 7:16

“ታላቅ ነቢይ በኛ መካከል ተነሦቶኣል”

"Hundumti isaaniis, na'anii, "Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba isaa ilaaleera" jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan. "

Ummanni yeroo sanaa; "nabiyyii guddaatu nu gidduu ka'e" jedhani. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

6✍ Luqaas 24:19

”በእግዚኣብሄርና በሕዝቡ ሁሉ ፊት በስራና በቃል ብርቱ ነቢይ ስለ ነበረው ስለ ናዝሬቱ ስለ ኢየየሱስ”

"Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango- qabeessa ture sana,"

Waaqayyo fi nama biratti nabiyyii cimaa akka ture dubbatani. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

7✍ Yohannis 6:14

”ከዚህ የተነሳ ሰዎቹ ኢየሱስ ያደረገውን ምልክት ባዩ ጊዜ ይህ በእውነት ወደ ኣለም የሚመጣው ነቢይ ነው ኣሉ”

"Namoonni sun milikkita Yesus argisiise kana yommuu argan, "Kun dhuguma raajicha isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana" jedhan."

Raajii Yesuus hojjetaa ture yemmuu arganitti, "kun nabiyyii gara biyya lafaa dhufeedha" jedhani. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

8✍ Yohannis 4:19

”ሴቲቱ ጌታ ሆይ ኣንተ ነቢይ እንደ ሆንህ ኣያለሁ”

"Kana irratti dubartittiin, "Akka ati raajii taate nan arga, yaa gooftaa."

Dubartittiin sun; "Ati akka nabiyyii taaten si arga" jette. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

9✍ Yohannis 9:17

”በመካከላቸው መለያየት ሆነ ከዚህም የተነሳ ዕውሩን ኣንተ ዓይኖችህን ስለ ከፈተ ስለ እርሱ ምን ትላለህ? ደግሞ ኣሉት እርሱም ነቢይ ነው ኣለ”

"Kana booddee warri Fariisotaa namicha isa jaamaa ture sanaan, "Waa'ee isa ija kee siif bane kanaa maal jetta?" jedhan; yommus namichi, "Inni raajii dha" jedhee deebiseef."

"Namtichi raajiin irratti hojjetame sun: "Yesuus raajii" akka ta'e dubbate. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

👉 Telegram channel

https://t.me/+VEf9ngIGA3DPgg3d

👉 Telegram channel https://t.me/Dhugaa_Dhokate

👉 Telegram channel https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa

👉 Facebook https://www.facebook.com/profi....le.php?id=1000918331

👉 Ummalife keenya

https://ummalife.com/QorannooAmantiiKiristaana

Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Yesuus ergamaa Rabbii isa kabajamaa fi jaallatamaa dha.

1👌 Yohannis 14:24

"Namni ana hin jaallanne immoo dubbii koo hundumaa hin raawwatu, dubbiin isin dhageessan kunis kan abbicha isa na ergee ti malee, kan koo miti" jedheen."

🙏 Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

2👌 Yohannis 5:30

"Yesus itti dabalee, "Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, 'yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee."

🙏 Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

3 👌 Yohannis 5:24

"Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu."

🙏 Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

4 👌 Yohannis 12:44

"Yesus sagalee isaa guddisee "Namni anatti amanu, isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti;"

🙏 Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

5 👌 Yohannis 12:49

"Abbicha isuma na ergetu ofii isaatii waanan dubbadhu na abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne."

🙏 Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

6 👌 Yohannis 8:26

“Ani waa'ee keessaniif kanan dubbadhu kanan faradus waan baay'een qaba; isa na erge irraa waanan dhaga'e, biyya lafaatti nan dubbadha; inni ana erges dhuga-qabeessa" jedhee isaanitti hime."

🙏 Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

7 👌 Yohannis 8:18

“Ani ofii kootiif dhugaa nan ba'a, abbaan inni ana erges immoo anaaf dhugaa in ba'a" isaaniin jedhe."

🙏 Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

8 👌 Yohannis 7:16

"Yesus immoo isaaniif deebisee, "Barsiifni ani barsiisu kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee."

🙏  Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

9 👌 Yohannis 7:28

"Isa irratti Yesus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee, "Dhuguma ana beektu, nama eessaa akkan ta'es in beektu. Ofiin hin dhufne, inni ana erge jira; inni amanamaa dha, isin immoo isa hin beektan."

🙏  Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

10 👌 Luqaas 10:16

"Bartoota isaatiin immoo, "Namni isin dhaga'u, ana dhaga'a; namni isin dhaga'uu didu, ana dhaga'uu dida, namni ana dhaga'uu didus, isa na erge dhaga'uu dida" jedhe."

🙏  Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

11 👌 Maatewos 15:24

"Inni immoo deebisee, "Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa'elii badan duwwaaf malee hin ergamne" jedheen."

🙏  Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

12 👌 Yohannis 17:8

"Dubbii ati anaaf kennite hundumaa ani immoo isaaniif kenneera. Isaanis fudhatanii, ani si biraa akkan dhufe dhuguma hubatan; akka ati na ergites amanan."

🙏  Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

13 👌 Yohannis 5:36

"Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba'e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba'u qaba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay'ee dha; hojiin ani hojjedhu kunis abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba'a."

🙏  Kanaafuu Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

👉 Telegram channel

https://t.me/+VEf9ngIGA3DPgg3d

👉 Telegram channel https://t.me/Dhugaa_Dhokate

👉 Telegram channel https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa

👉 Facebook https://www.facebook.com/profi....le.php?id=1000918331

👉 Ummalife keenya

https://ummalife.com/QorannooAmantiiKiristaana

Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Nabiyyummaa Nabi Muhammad ﷺ

Kutaa 3ffaa

بسم الله الرحمن الرحيم.

وَمَا كُنتَ تَتْلُوا۟ مِن قَبْلِهِۦ مِن كِتَٰبٍ وَلَا تَخُطُّهُۥ بِيَمِينِكَۖ إِذًا لَّٱرْتَابَ ٱلْمُبْطِلُونَ

Ati (yaa Muhammad!) Isa dura kitaaba tokkollee kan dubbiftuufi harka keetiinis barreessitu hin turre. Odoo akkas taatee warri badii ni shakku turan. [29:48]

Yaa obboleessa koo!

Waa'ee Nabi Muhammad ﷺ beekuu yoo barbaadde; yaada mishinaroota fi yaada namoota jibbaan sammuu isaanii booreessanii hin hordofuu dhiisuun, ragaa Qur’aana fi hadiisa akkasumas seenaa qulqulluu qoradhu.

Nabi Muhammad ﷺ ; yemmuu nabiyyummaaf filamanii ergamanitti ummanni Arabaa sirna dubbiin fi barreeffamaan baay’ee beekamoo turani. Kanaaf; Araboonni yeroo sanaa dubbiin gariin isaanii; Muhammad kun, falfala jedhu, gariin isaanii ofiin qopheesse jedhu, gariin immoo ofii namoota duriiti jechuun itti qoosaa turani.

Egaa ; akkas jedhaa Qur’kanatti osoo qoosaa jiranuu, wanti hin eegamne tokko itti dhufe. Innis; Qur’aanni kun Rabbiin biraa hin dhufne yoo jettan, 'waliin ta'uun karaa kamiiniyyuu waan Qur’aana kana fakkaatu fidaa' jedhamani.

أَمْ يَقُولُونَ تَقَوَّلَهُۥۚ بَل لَّا يُؤْمِنُونَ فَلْيَأْتُوا۟ بِحَدِيثٍ مِّثْلِهِۦٓ إِن كَانُوا۟ صَٰدِقِينَ

Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu moo?” lakkii, isaanumatu hin amanne. Yoo kan dhugaa dubbatan ta’aniif haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu. [52:33-34]

Araboonni hammam sirna barreeffamaan kan qarooman ta'us, waan Qur’aana fakkaatu fiduu hin dandeenye.

Rabbiin kanaan hin dhaabne. Qur’aana guutuu fiduu yoo dadhabdan, wal gargaaruun keyyata 10 qofa jedhe.

أَمْ يَقُولُونَ ٱفْتَرَىٰهُۖ قُلْ فَأْتُوا۟ بِعَشْرِ سُوَرٍ مِّثْلِهِۦ مُفْتَرَيَٰتٍ وَٱدْعُوا۟ مَنِ ٱسْتَطَعْتُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ

“Inumaayyuu isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? “yoo kan dhugaa dubbattan taatan Rabbiin ala waan dandeessan waamadhaatii, suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa” jedhiin. [11:13]

Kanas fiduu hin dandeenye. Ammas Rabbiin erga keyyata 10 dadhabdanii, mee keyyata tokko fidaa jedhuun isaan qore.

أَمْ يَقُولُونَ ٱفْتَرَىٰهُۖ قُلْ فَأْتُوا۟ بِسُورَةٍ مِّثْلِهِۦ وَٱدْعُوا۟ مَنِ ٱسْتَطَعْتُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ

Moo sila isaan “isatu (Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhu? “Oggas suuraa tokko kan isa fakkaattu fidaaYoo kan dhugaa dubbattan taatan, Rabbii gaditti nama dandeessan (gargaarsaaf) waamadhaa” jedhi. [10:38]

Kanas fiduu hin dandeenye. Kana booda Rabbiin akka abdii kutatan; "Namoonni fi jinniin walitti qabamanii wal gargaaranii, waan Qur’aana kana fakkaatu fiduu hin danda'an" jechuun lafa kaa'e.

قُل لَّئِنِ ٱجْتَمَعَتِ ٱلْإِنسُ وَٱلْجِنُّ عَلَىٰٓ أَن يَأْتُوا۟ بِمِثْلِ هَٰذَا ٱلْقُرْءَانِ لَا يَأْتُونَ بِمِثْلِهِۦ وَلَوْ كَانَ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ ظَهِيرًا

Jedhi: “odoo ilmi namaatiifi jinnoonnis fakkaataa Qur’aana kanaatiin dhufuu irratti walitti qabamanii, odoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniis fakkaataa isaatiin hin dhufan.” [17:88]

Itti aansee Rabbiin akkana jedha; waan Qur’aana fakkaatu tasuma fiduu hin dandeessan waan ta'eef, abidda jahaannamaa sodaadhaa" jechuun akeekkachiisa itti kenne.

فَإِن لَّمْ تَفْعَلُوا۟ وَلَن تَفْعَلُوا۟ فَٱتَّقُوا۟ ٱلنَّارَ ٱلَّتِى وَقُودُهَا ٱلنَّاسُ وَٱلْحِجَارَةُۖ أُعِدَّتْ لِلْكَٰفِرِينَ

Yoo [amma dura] hin dalagin; fuuldurattis hin dalagdanu; kanaafuu ibidda qabsiisaan ishee namaafi dhagaa ta’e kan kaafirootaaf qopheeffamte sodaadhaa. [2:24]

Yaa obboleessa koo!

Mee amma nabi Muhammad nabiyyuu dhugaa ta'uu isaanii siif haa dhaamu.

Innis maali jechuun kee hin oolu. Egaa waan beektonni arabaa kanneen walaloon, dubbiin, dhaggeettiin, keyyata tokko fidaa jedhamanii fiduu hin dandeenye; namni jiruu isaa guutuu barreessuu fu dubbisuu hin dandeenye Qur’aana ajaa'ibaa kana akkamitti fiduu danda'u jettee yaadda? Deebii sammuu keessaniifan dhiisa.

وَمَا كُنتَ تَتْلُوا۟ مِن قَبْلِهِۦ مِن كِتَٰبٍ وَلَا تَخُطُّهُۥ بِيَمِينِكَۖ إِذًا لَّٱرْتَابَ ٱلْمُبْطِلُونَ

Ati (yaa Muhammad!) Isa dura kitaaba tokkollee kan dubbiftuufi harka keetiinis barreessitu hin turre. Odoo akkas taatee warri badii ni shakku turan. [29:48]

Kun kan inni agarsiisu; Qur’aanni waan Nabi Muhammad ofiin dubbate ykn barreesse osoo hin taane, waan Rabbiin isa gooftaa addunyaa biraa akka itti bu'ee fi Nabi Muhammad nabiyyii dhugaa Rabbiin biraa ergaman ta'uu nutti agarsiisa.

تَنزِيلُ ٱلْكِتَٰبِ لَا رَيْبَ فِيهِ مِن رَّبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Buufamni kitaabichaa Rabbii aalamaa irraa ta'uun shakkiin isa keessa hin jiru. [32:2]

وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَسْتَ مُرْسَلًاۚ قُلْ كَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدًۢا بَيْنِى وَبَيْنَكُمْ وَمَنْ عِندَهُۥ عِلْمُ ٱلْكِتَٰبِ

Isaan kafaran “ati ergamaa miti” Siin jedhu. “Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragummaan Rabbiifi namoonni beekumsi kitaabaa isaan bira jiru ga’aadha” jedhi. [13:43]

Inshallaah. Itti fufa .....

👉 Telegram channel https://t.me/Dhugaa_Dhokate

👉 Telegram channel

https://t.me/+VEf9ngIGA3DPgg3d

👉 Telegram channel https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa

👉 Facebook https://www.facebook.com/profi....le.php?id=1000918331

👉 Ummalife keenya

https://ummalife.com/QorannooAmantiiKiristaana

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Dʜᴜɢᴀᴀ ᴅʜᴏᴋᴀᴛᴇ
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Nabiyyummaa Nabi Muhammad ﷺ

Kutaa 2ffaa

بسم الله الرحمن الرحيم

وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَسْتَ مُرْسَلًاۚ قُلْ كَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدًۢا بَيْنِى وَبَيْنَكُمْ وَمَنْ عِندَهُۥ عِلْمُ ٱلْكِتَٰبِ

Isaan kafaran “ati ergamaa miti” Siin jedhu. “Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragummaan Rabbiifi namoonni beekumsi kitaabaa isaan bira jiru ga’aadha” jedhi. [13:43]

Yaa obboleessa koo!

Waa'ee Nabi Muhammad ﷺ beekuu yoo feete, waan mishinaroonni awurooppaa ykn namoota ija jibbaan dubbatan fi barreessan dhiisuun seenaa dhugaa fi qabatamaa ykn akkasumas ragaa qabatamaa qoradhu.

Har'as Nabi Muhammad (ﷺ) nabiyyii dhugaa ta'uu isaanii qabxiilee kallattiin ibsan irraa haa ilaallu.

Nabi Muhammad ﷺ nama ani addunyaa maraafan ergame jedhee of tuulu miti. Nabi Muhammad ﷺ akka raajota sobduu yeroo ammaa lafaa kaatee, ofumaa kitaaba barreessanii ofumaa "ani nabiyyiidha" jedhan sana miti. Nabi Muhammad ﷺ hokkora "Ani akkana, nama akkanaati" jedhanii of dhaaddatan miti.

Eyyeen. Nabiyyiin sobaa ummata biratti fudhatamummaa argachuuf jecha, waan hin beekne tokko "beeka, natti muldhateera" jechuun ofiin of guddisa malee, dogoggora ofiin "doggoggora hojjetteetta" jedhee ofiin of hin komatu.

Gara nabiyyii keenyaatti yemmuu isin deebisu; Rabbiin Nabiyyiif kabaja kennee erga filatee booda, ilmi namaa Taabota ykn Xaaguuta gabbaruu dhiisee Rabbiin tokkicha akka gabbaru waamicha gochuu jalqabani. Egaa; yeroo tokko qureeyshota makkaa gurguddoo waliin waamicha gara islaamummaa taasisaa osoo jiranii, namni ija jaamaa tokko Ibnu ummu makhtuum kan jedhamu gidduun seenee gaaffii gaafate.

Nabiyyiinis; Gurguddoon qureyshotaa kun islaamummaa yoo fudhan, namoonnii biroos haala salphaa ta'een islaamummaa fudhachuu danda'u yaada jedhuun miira keessa galanii mar'achiisaa waan jiraniif, namichi kun gidduun seenee gaaffii biraa yemmuu gaafatu, bifa dheekkamsaatiin fuula isaanii irraa naanneessani.

Yemmuu sana Rabbiin keenya "Yaa nabiyyii koo, dogogorte" jechuun akkas jedhee itti dubbate.

عَبَسَ وَتَوَلَّىٰٓ أَن جَآءَهُ ٱلْأَعْمَىٰ وَمَا يُدْرِيكَ لَعَلَّهُۥ يَزَّكَّىٰٓ أَوْ يَذَّكَّرُ فَتَنفَعَهُ ٱلذِّكْرَىٰٓ أَمَّا مَنِ ٱسْتَغْنَىٰ فَأَنتَ لَهُۥ تَصَدَّىٰ وَمَا عَلَيْكَ أَلَّا يَزَّكَّىٰ وَأَمَّا مَن جَآءَكَ يَسْعَىٰ

وَهُوَ يَخْشَىٰ فَأَنتَ عَنْهُ تَلَهَّىٰ كَلَّآ إِنَّهَا تَذْكِرَةٌ فَمَن شَآءَ ذَكَرَهُۥ

"Fuula guuree gara gale. Sababa jaamaan isatti dhufeef. Maaltu si beeksise? Qulqullaa’uun isaa ni kajeelama. Yookiin gorfameeti gorsi isa fayyaddi. Nama duroome immoo, Ati [akka amananuuf jecha] gara isaa gara galta. Haala qulqullaa'uu dhiisuun isaa homaa sirra hin jirreen. Nama fiigaa sitti dhufe immoo, Kan Rabbiin sodaatu ta’ee, Ati isa irraa dagatta. Dhorgami! Isheen gorsa. Nama fedhetu isa (Qur'aana) yaadata." [80:1-12]

Yaa obboleessa koo!

Mee keyyattoota olii kanneen miira jibbaa hin qabneenbija qalbiin ilaali.

Yaadni keyyaticha irraa nabiyyiin keenya gurguddoo qureyshotaa waliin dubbataa osoo jiranuu, Namtichi ija jaamaa kun itti dhufee, nabiyyii gaaffii gaafata. Ergamaan Rabbii fuula isaanii irraa gara galchani. Rabbiin waan kana ilaalee, "Namoonni ati naaf amanu jettee itti cinqamtu kun warreen dhugaa hin barbaanne ta'anii osoo jiranii fuula ifaan simatta.

Namicha dhugaa qabatee barnoota sirraa barbaadu sanarraa immoo fuula naanneessuta! Namoonni ati mar'achiistu kunniin dhugaa barbaaduu fi dhiisuu maaltu si beeksise? Jechuun komate.

Namni nabiyyii dhugaa hin taane tokko, ofiin dogogaraa jirta, namni ati fuula kee irraa naanneessite sun haala qulqulluu ta'een nama dhugaa barbaadee dhufeedha jechuun ofiin of ni komataa? Tasuma waan akkasii hin godhu. Ittuu; "Ani beekaadha, naaf muldhateera" jechuun of ibsa malee bifa kanaan of hin komatu.

Kun kan inni agarsiisu; Nabi Muhammad (SAW) nabiyyii dhugaa ta'uu isaaniiti.

Itti fufa..... Inshallaah

👉 Telegram channel https://t.me/Dhugaa_Dhokate

👉 Telegram channel

https://t.me/+VEf9ngIGA3DPgg3d

👉 Telegram channel https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa

👉 Facebook https://www.facebook.com/profi....le.php?id=1000918331

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Dʜᴜɢᴀᴀ ᴅʜᴏᴋᴀᴛᴇ
Send as a message
Share on my page
Share in the group