UMMA TOKEN INVESTOR

About me

I am muslim from Ethiopia 🇪🇹

Translation is not possible.

Keenya hin kufu jannata dhaala malee

kan jaraa garuu biyya lamatti rakkoo arga

🌹 ALHAMDULILLAAH 🌹

Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

قال عمر بن عبد العزيز رحمه الله : خذوا من الرأي ما يوافق من كان قبلكم فإنهم كانوا أعلم منكم.

Umar Ibnu Abdul-Aziiz Akkas jedhe:

Yaada haqa ta'e kan nama isiniin duraa fudhaa, jarri isin caalaa beeku waan ta'eef.

Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Leenci isin argitan kun ilma Falasxiini...

Mucaa bareedaa umriin 15 kanatu arra ganama Waraana meeshaa lolaa hidhatee jiru keysa dhaqee ableedhaan waraana 2 akka maletti bakka malee waraanee san booda wareegame.

Warra waraaname achumaan rabbi haa khuchiisu isas rabbi jannataan isa haa simatu.

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Ani deeggaraa kaayyoo Paalistiiniiti. Deeggarsi koo dhiibbaa uumuu dhiisuu danda’a; waan jijjiru hin qabu ta’a. Garuu duguuggaa sanyii, ajjeechaa jumlaa, cunqursaa, koloneeffannaa, saamicha lafaa, fi sirna appaartaayidii Israa’eel lafuma humnaan Paalistiinota irraa fudhatte irratti ijaartee ummata san hiraarsitu sirrii miti jechuuf nama ta’uun qofti gahaadha jedheen amana.

Akka nama dhimma kana irratti bal’inaan dubbisee tokkotti, qabannaa lafaa Israa’el itti fuufiinsaan gootu, ummata Gaazaa jumlaan boombiin ajjeeftu, fi dallaa Appaartaayidii isheen Gaazaa fi West Baank keessatti ijartee Paalistiinota itti cunqursitu argaa sababa ittin Israa’eeliif mararfadhu ykn deeggaru tokkos hin qabu, hin argines.

Ummata Paalistiiniitiif gara nyaattoo addaa qaba. Haqa jaalachuu irraa ka’ee mararate Paalistiinotaa qabuuf jecha taphataan kubbaa miilaa beekkamaan Diyeegoo Armaandoo Maaraadoonaan yeroo baayyee “Onnee koo keessatti, Paalistiinummatu natti dhagahama, Ani Paalistiinii dha” jedha ture, anis akkanuma Paalistiinotaaaf gara nyaattoo fi deeggarsa addaa qaba. Nelson Maandeellaan bilisummaan isaanii [Afrikaa Kibbaa] bilisummaa ummata Paalastiinii malee guutuu akka hin taane ifatti dubbataa, anis bilisummaa ummata Paalasxiin hawwuu irra darbee, akka dhiimma na ilaallatuuttin fudha.

Akka nama bilisummaa ilma namaa jaalatu tokkotti, carraaqqii fi qabsoo Paalasxiinotni lafa irraa buqqifamanitti deeb’uu fi mirga hiree murteeffannaa isaanii deebifachuuf godhaniif deeggarsa koo yeroo kamuu ibsuu ykn agarsiisuu itti fuufa. Deeggarsi kiyya seenaa fi siyaasa isaanii dubbisee beekuu fi hubachuu irraa kan madde malee, amantaa isaan hordofan wojji hariiroo kan qabu miti. Palasxiinotaa fi ummata cunqurfamoo guutuu addunyaa irra jiran maraaf BILISUMMAA haata’u!

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Dubbisi. Si ilaallata.

Waraa*nni tibbana gidduu Filisxeen fi Israa'il tti geggeeffamaa jiru; waraa*na gidduu dhugaa fi dharaa, haqaa fi cubbuu, gabroomfannaa fi bilisummaa gidduutti geggeeffamaa jiru ta'uun isaa ifa galaa fi kan irra hedduun addunyaa ragaa ba'aa jirudha.

Keessattuu dhiibbaa kallattii garaagaraatiin Islaamaa fi muslimoota irratti geggeeffamaa har'a ga'e kan ifatti baasee fi namoota Muslimoota ilaalchisee odeeffannoo dogongoraa qabanuuf haqa jiru kan ifa galchedha.

Duula kana keessatti muslimoonni addunyaarra jiranu tarii yeroo kaan aqiidaa irratti wal dhabanullee dhumiitii muslimootaa keessattuu ammoo kan daa'immanii fi haadholee, dhahamuu dachii ergamaa fi awwaalcha nabiyyootaa taate Qudsii irratti wal dhabbii tokko malee tokkummaan kan dura dhaabbatanidha.

Akkasumas duulli kun duula weerar*tuu Israa'il fi cubbam*tuu ameerikaan akka maqaa jaraa jajjaboo fi daqiiqolii keessatti biyyoota barbadeessuu kan danda'an osoo hin taane numa waliin akka cabsaa har'a ga'an kan ibsudha.

Ta'us garuu sochiilee biyyoonni Islaamaa godhaa jiran keessatti irra hedduun jaraa afaaniin fi aarii ibsa miidiyaa irratti kennamuu qofaan yeroo dheeraa fudhachuun akkasumas sochii kutattoonni gariin godhanu fuuldura dhaabbachuun. Mis*aa'ela Yaman gara Israa'il fugguuggifattu humni qilleensaa Sa'ud Arabiyaa fashaleessuu dabalatee qaanfachiisaa fi miira cabsaa ta'ee argamee jira.

Keessattuu waldaan ulamoota addunyaa wanticha buusee baasee erga ilaaleen booda murteen inni kenne irra hedduu jaraa kakaasuu fi tarkaanfiif jara qopheessuu qaba ture. Inumaayyuu duula ilmaan Muslimootaa d*aguuguu fi biyya Islaamaa b*arbadeessuu irratti fudhatamaa jiru kana dura dhaabbachuun qabeenyaa hanga lubbuutti wa*reegama kaffaluun kan irraa eegamu ture.

Akkuma gaafa duraa sana biyyoonni Islaamaa yoo wal dhabbii hanga fedhe qabaatanillee, yoo siyaasni addunyaa seera fedhe qabaatellee roorroo roorristootaa qolachuuf wal bira dhaabbachuun dirqama jaraa ture. Ta'us garuu hin taane. Rabbiin akka ta'uu qabu ni beekaa akka tolu nuuf haa taasisu.

Nurraa hoo maaltu eegama?

Nutis silaa akka nama Muslimaa tokkootti roorroo obboloota keenya kanatti dhufe wareegama barbaachisaa kaffallee qolachuun sadarkaa shahiidummaas argachuun nurraa eegama. Sababni isaas nutis obboloota jaraa, jarris obboloota keenya. Haa ta'u malee sababoota hedduu dhiheessinee of amansiisuun kan nurraa eegamu dhiifneerra.

Garuu obboloota keenya kana nama kamuu caalaatti deeggaruu ni dandeenya. Innis onnee qulqulluun Rabbiin jaraaf kadhachuu, injifannoo jaraa yaaduun gabbarsuulee garagaraa Rabbiif goonee Rabbiin jaraaf kadhachuun jaraaf tumsuu, deeggarsoota yeroo garaagaraatti dhuunfaa irraa hanga tuutaatti akka addunyaatti waamichi godhamu kamuu irratti hirmaachuu fi wal kakaasuun hirmaachisuu(duula miidiyaa hawaasaa, duula soomanaa, duula dhiheessii diinaa lagachuu,....) fi kanneen biroon bira dhaabbachuun waan humna keenyaan obboloota keenya bira akka jirru mirkaneessuu qabna.

Sanarra dabree ammoo namoonni osoo muslima taatanii jirtanuu h*aleellan fi da*guggaan daa'imman fi dubartoota Gaazaa irratti godhamaa jiru isin hin rifachiifne, isin hin gaddisiisne. Akkasumas Haamaas balleessaa akka ta'ee fi Israa'il tuquu akka hin qabne namoonni oduu akka kanaa facaaftanu dogongora akka ta'e hubachuun irraa of eeggachuun barbaachisaadha.

Rabbiin hundarra beekaadha.

Obboloota keenyaaf tumsa hatattamaa nuuf haa godhu.

#share gochuun namoota dubbisuu danda'anuun naaf ga'i.

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group