Translation is not possible.

Ani deeggaraa kaayyoo Paalistiiniiti. Deeggarsi koo dhiibbaa uumuu dhiisuu danda’a; waan jijjiru hin qabu ta’a. Garuu duguuggaa sanyii, ajjeechaa jumlaa, cunqursaa, koloneeffannaa, saamicha lafaa, fi sirna appaartaayidii Israa’eel lafuma humnaan Paalistiinota irraa fudhatte irratti ijaartee ummata san hiraarsitu sirrii miti jechuuf nama ta’uun qofti gahaadha jedheen amana.

Akka nama dhimma kana irratti bal’inaan dubbisee tokkotti, qabannaa lafaa Israa’el itti fuufiinsaan gootu, ummata Gaazaa jumlaan boombiin ajjeeftu, fi dallaa Appaartaayidii isheen Gaazaa fi West Baank keessatti ijartee Paalistiinota itti cunqursitu argaa sababa ittin Israa’eeliif mararfadhu ykn deeggaru tokkos hin qabu, hin argines.

Ummata Paalistiiniitiif gara nyaattoo addaa qaba. Haqa jaalachuu irraa ka’ee mararate Paalistiinotaa qabuuf jecha taphataan kubbaa miilaa beekkamaan Diyeegoo Armaandoo Maaraadoonaan yeroo baayyee “Onnee koo keessatti, Paalistiinummatu natti dhagahama, Ani Paalistiinii dha” jedha ture, anis akkanuma Paalistiinotaaaf gara nyaattoo fi deeggarsa addaa qaba. Nelson Maandeellaan bilisummaan isaanii [Afrikaa Kibbaa] bilisummaa ummata Paalastiinii malee guutuu akka hin taane ifatti dubbataa, anis bilisummaa ummata Paalasxiin hawwuu irra darbee, akka dhiimma na ilaallatuuttin fudha.

Akka nama bilisummaa ilma namaa jaalatu tokkotti, carraaqqii fi qabsoo Paalasxiinotni lafa irraa buqqifamanitti deeb’uu fi mirga hiree murteeffannaa isaanii deebifachuuf godhaniif deeggarsa koo yeroo kamuu ibsuu ykn agarsiisuu itti fuufa. Deeggarsi kiyya seenaa fi siyaasa isaanii dubbisee beekuu fi hubachuu irraa kan madde malee, amantaa isaan hordofan wojji hariiroo kan qabu miti. Palasxiinotaa fi ummata cunqurfamoo guutuu addunyaa irra jiran maraaf BILISUMMAA haata’u!

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group