abdu razzaq Profile Picture
UMMA TOKEN INVESTOR

Takip edilenler
0
Takip yok
Çeviri imkansız.

Seenaa Ajaa'ibaa!

Zamana Nabi Muusaa (A.S) keessa Nama miskiinummaan hiraarsite tokkootu gama Nabi Muusaa dhufee "Yaa Muusaa akka qabeenya guddaa naaf kennu Rabbi naaf kadhu" isaan ja'e. Akkasitti Nabi Muusaaniis Nama kanaaf Rabbi kadhate. Hoggaa kana Rabbiin qabeenya waggaa 1 qofa turu akka isaaf kennu waggaa 1 booda akka irraa fuudhu itti hime. Haala kanaan namni kun qabeenya guddaa arkate. Qabeenya isaa kanaan Miskiina gargaaru eegale. Haala kanaan Waggaan gahe. Garuu qabeenyi isaa dabalamaa deema. Akkasitti Nabi Muusaan "Waggaa 1 qofaaf qabeenya isaaf Kenna jattee turte. Garu namtichi daran tujjaaree akkami ?!" jachuun Rabbi gaafate. Rabbiiniis "Osoo Miskiinni inni gammachiise hundi 'Qabeenya barakhaa siif haa godhu' ja'ee Du'aa'ii isaaf godhuu irraa fudhachuun qaanfadhe" ja'ee deebiseef.

Rassuul S.A.W "gabroota Rabbii keessa Nama Yoo Rabbirratti khakhate Rabbiin khakhuu isaa dhugaa godhuutu jira" ja'e. Akkana jachuun Nama Rabbiin Du'aa'ii isaa hunda qeebaluu jira jachuudha. Qabeenya Miskiinni irraa gammadu Kan Masjiidni hedduun itti jaaramu Rabbi isiniif haa kennu.#aamiinallahummaaamiin

image
Mesaj olarak gönder
Sayfamda paylaş
Grupta paylaş