UMMA TOKEN INVESTOR

Translation is not possible.

Sa’udiin dhimma lammiilee Itiyoophiyaa mana hidhaa jiran irratti waloon hojjechuuf fedhii qabaachuu beeksiste.

Spider Media : Muddee 18/2016

Ministirri Bulchiinsa Biyyattii Abdullaziiz Biin Sa’udii Biin Naayfi Lammiilee seeraan ala daangaa ce’uun Sa’ud Arabiyaa seenanii fi mana hidhaa keessa jiran ilaalchisee waloon hojjechuuf fedhii qabaachuu isaanii beeksisan.

Ministirri biyyattii Sa’ud Arabiyaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Leencoo Baatii waliin mari’ataniiru.

Maricharratti Itiyoophiyaa fi Sa’ud Arabiyaan michummaa seena qabeessaa fi hariiroo jabaa kan qaban ta’uu Abdullaziiz Biin Sa’udii Biin Naayfi kaasaniiru.

Sa’ud Arabiyaan lammiilee Itiyoophiyaaf Hariiroo daldalaa, barnootaa fi walitti hidhamiinsa naannawaarra darbee carraa hojii kennite cimsitee kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.

Akkasumas, dhimma lammiilee seeraan ala Sa’ud Arabiyaa seenanii fi mana hidhaa keessatti argaman irratti waloon hojjechuuf fedhii qabaachuus eraaniruu.

Ambaasaaddar Leencoo Baatiin gama isaaniin, hariiroo gam lameeniin biyyoota lameen gidduutti fooyya’aa dhufe dinqisiifataniiru.

Fuuldurattis dhimmoota lammiileerra darbee dameewwan walta’inaan waloon hojjechuun fedhii Itiyoophiyaa akka ta’e fi dhimmicharratti bal’inaan mari’achuu ragaan imbaasicharraa argame ni mul’isa.

Maddi: FBC

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@

Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Gatiin Hajjii bara kanaa qarshii 329000 akka ta'e ibsame

Spider Media : Amajjii 23/2016

Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa sirna Hajjii bara 1445/2016 ilaalchisuun guyyaa har'aa ibsa kenneera.

Mana marechaatti dameen hajjiifi Umraa ibsa har'a mooraa waajira majlisichaatti kenneen dhaadannoo ''Keessummeessa Ammayya'aa Keessummoota Al-Rahmaaniif'' jedhuun sirna hajjii bara kanaatiif galmeen eegaluu kan ibse yoo ta'u, akka biyyaatti buufataaleen galmee 27 ol gara hojiitti seenuu beeksiseera.

Kaffaltiin imala sirna hajjii baranaa qarshii kuma dhibba sadi'iifi diigdamii sagal (329000) ta'u kan beeksise manni marechaa, hawaasni Muslimaas buufataalee galmee isatti dhihaatutti argamuun tajaajila argachuu akka danda'u ibseera.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Sirni badhaasa dorgommii dizaayinii arkitekchara duraa ijaarsa Giddugala Islaamaa Mootii Najashii gaggeeffamaa jira

Spider Media : Guraandhala 7/2016

Magaalaa Finfinnee naannaawaa Bulgaariyaa jedhamutti kan ijaaramu hojii ijaarsaa Giddugala Islaamaa Mootii Najashiitiif sirni badhaasa dorgommii dizaayinii arkitekchara duraa Finfinnee Hoteela 'Stay Easy Plus'tti gaggeeffamaa jira.

Dura ta’aan koree Giddugala Islaamaa Mootii Najaashii Ustaaz Abubakar Ahmad Ijaarsa giddugala guddicha maqaa mootii Najashiitiin mogga'e kanaatiif qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.

Ustaaz Abubakar itti dabaluun giddugalichi teessoo Gamtaa Afriikaa kan taate magalaaa Finfinnee akkasumas mootii Najaashii bifa madaaluun kan ijaaramu ta'uufi dorgommiin gaggeeffamu akkuma xumurameen dhiheenyatti hojii ijaarsaa kan eegalu ta'uu ibsani.

Saganticha irratti perezidaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa, I/A perezidaantii Sheyik Abdulkariim Sheyik Badraddiin, perezidaantii majlisa magaalaa Finfinnee Sheyik Sulxaan Amaan Eebbaa, gorsaa addaa perezidaantii majlisa federaalaafi dura ta'aa koree masjiida Najaashii kan ta'an Ustaaz Abubakar Ahmad dabalatee hooggantoonni majlisaa, dorgomtoonni akkasumas keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
image
image
+2
Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Dandeettii hoggansa Islaamaa guddisuun dhaloota hojii uumu oomishna > Majlisa

Spider Media : Guraandhala 9/2016)

Mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti Dameen Dhimma Dubartootaafi Dargaggootaa mataduree "Dandeettii hoggansa Islaamaa guddisuun dhaloota hojii uumu oomishuu" jedhuun hooggantoota damechaatiif leenjii guyyoottan lamaaf turu kennuu eegaleera.

Hoji gaggeessan mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Haji Kamaal Haaruun sirna baniinsaa sagantichaa irratti argamuun haasaa taasisaniin, majlisichi erga labsiin hundaa'ee booda hojiilee jijjiirramaa hojjataman keessaa tokko Damee Dhimma Dubartootaafi Dargaggootaa hundeessuudha jedhan.

Mana marii dhimmoota Islaamaatti bakka buutonni damee dubartootaafi dargaggootaa naannoolee hundaa akkasumas magaalota leenjicha irratti hirmaataa jiru.

Leenjiin galma walgahii mana marechaatti har'a eegale kun guyyaa boriis itti fufe kan gaggeeffamu ta'uun ibsameera.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
image
image
+4
Send as a message
Share on my page
Share in the group
iskandar Abraahim Сhanged his profile picture
6 month
Translation is not possible.

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group