\"Israa\'iil kana daran hidhachiifamuu qabdi\"..!
Sochii weeraraa Israa\'iil biyya Falasxiin irratti geggeessaa jirtu haalaan kan leellisuu akkasumas lola waraanichaa dabalatee dhumaatii Lammiilee nagaa Falasxiin irratti geggeeffamaa jiru ifatti kan deeggaru Pirezidaantiin Ameerikaa duraanii Donald Trump garee Hamaasitti dhaadachaa jira! MM Israa\'iil daawwii hojiif yeroo gara Ameerikaatti imale dhuunfaatti Donald Trump simannaa taasiseefi kan ture yoo ta\'u \"Ani Pirezidaantii ta\'ee osoon hin muudamiin Hamaas booji\'amtoota Israa\'iil yoo ariitiin gadi hin lakkisu ta\'e aarsaa ulfaataa kaffaluuf jira!\" jechuun garee Hamaasitti dhaadatee jira.
Morkataan Pirezidaantii Ameerikaa Donald Trump bulchiinsa Baayidanin \"Michoota Falasxiin\" jechuun kan balaaleffatu yoo ta\'u \"Israa\'iil lola waraanichaa injifannoon akka goolabduuf kana caalaatti meeshaalee waraanaa hidhachiifamuu qabdi\" jechuunis dhaadatee jira.