Translation is not possible.

Haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha malee hin jiru.

✍ Seera ba’uu 20፡22

"እግዚአብሔር ሙሴን አለዉ፡፡ ለእስራኤል ልጆች እንዲህ በል፡፡ እኔ ከሰማይ እንደተናገርኋችሁ እናንተ አይታችኋል፡፡ በአጠገቤ ምንም አታደርጉ፤ የብር ኣማልክት የወርቅም አማልክት ለእናንተ አታደርጉ"

"yommus Waaqayyo Museetti dubbatee, “Ati Israa’elootaan Waaqayyo akkana jedha; “Ani waaqa irraa dubbachuu koo ofii keessanii iyyuu argitaniittu” isin ana dhiiftanii waaqayyoolii meetii irraa yookiin warqii irraa hojjetaman hin tolfatinaa!"

Keyyatni kun;- Nabiyyi Museen ummata isaatti; waaqni samii irraa isaanitti dubbachuu isaa akka hime ibsuun, waaqni ana tokkicha qofa akka gabbaran fi wantoota tolfaman ykn bocaman akka hin gabbarre jechuu akka barsiisaa ture ibsa. Warri pirotestanii, macaafa Museettis ni amanuu? Yoo ni amanu ta’e, keyyattoota kanaa olii maaliif hin ilaalle? Yoo hin amanan ta’e, maaliif baadhatanii deemu?

✍ Seera ba’uu 18:11

"ትዕቢት ባደረጉባቸዉ ነገር እግዚአብሔር ከአማልክት ሁሉ እንደሚበልጥ አሁን አወቅሁ አለ"

"Waaqayyo, yeroo warri Gibxii saba isaatti gooftummaa agarsiisuudhaan isaan rakkisanitti harka isaanii jalaa isaan waan baaseef, ‘waaqayyoolii waarra kaan hunduma irraa akka inni caalu ani amma nan beeka’ jedhe."

Keyyatni kun;- wantootni ilmi namaa amantii godhatee gabbaru hedduu ta’uu hubachiisuun, waan gabbaramu kana hunda irra caalaan waaqa qofa akka ta’e ibsa. Osoo macaafni isaanii waaqa qofatti amanuun irra caalaa ta’uu utuu ibsuu, Yesuus waaqa jedhanii gabbaruun maaliif barbaachise? Yesuus, yeroo barsiisaa turetti; Ayihuudoonni rakkisaa akka turan beekamaadha. Rakkina kana of irraa hambisuu dadhabnaan, hanga ajjeessuutti itti adeeman. Reebicha fi ajjeeffamuu jalaa akka miliquu hin dandeenye hubadhaa! Yesuus, utuu waaqa ta’ee; kun akkamitti irratti raawwatama? Kan gabbaramuu qabu; Waaqa isa waan hunda irra caalaa, isa Yesuusiin uumee, ergatee, ofitti isa fudhate sana ta’uu qaba malee, Yesuus isa uumamee ykn dhalate, isa ergame, sana ta’uu hin qabu.

👉 Telegram channel:- https://t.me/Dhugaa_Dhokate

👉 Telegram channel:-

https://t.me/+VEf9ngIGA3DPgg3d

👉 Facebook:- https://www.facebook.com/profi....le.php?id=1000918331

👉 Ummalife keenya:-

https://ummalife.com/QorannooAmantiiKiristaana

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Dʜᴜɢᴀᴀ ᴅʜᴏᴋᴀᴛᴇ
Send as a message
Share on my page
Share in the group