Translation is not possible.

Yesuus nabiyyii Rabbii isa kabajamaa dha.

1✍ Maarqos 6:4

“ኢየሱስም ነቢይ ከገዛ ኣገሩና ከገዛ ዘመዶቹ ከገዛ ቤቱም በቀር ሳይከበር ኣይቀርም ኣላቸው”

"Yesus immoo, "Raajiin iddoo biraatti malee biyya isaatti, lammii isaa gidduutti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu" isaaniin jedhe."

Yesuus yemmuu Yihudoonni dubbii isaa fudhachuu didanitti; "Siluma Nabiyyiin naannoo ofitti kabaja hin qabu" jedhe. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

2✍ Maatewos 13:57

“ኢየሱስ ግን ነቢይ ከገዛ ኣገሩና ከገዛ ቤቱ በቀር ሳይከበር ኣይቀርም ኣላቸው”

"Isaan kanaaf isa maman; Yesus garuu, "Raajiin iddoo biraatti malee, biyya isaatti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu" isaaniin jedhe."

"Yesuus Nabiyyiin saba ofii keessatti kabaja hin qabu" jedhe. Eenyuun jedhe? Ofumaa jedhe. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

3✍ Maatewos 21:11

“ሕዝቡም ይህ ከገሊላ ናዝሬት የመጣ ነቢዩ ኢዩሱስ ነው ኣሉ”

"Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiiiaa ti" jedhee deebise."

Ummanni yeroo sana ture, Yesuus nabiyyii magaalaa Naazireet irraa dhufe akka ta'e dubbatani. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

4✍ Maatewos 21:46

”ሊይዙትም ሲፈልጉት ሳሉ ሕዝቡ እንደ ነቢይ ስላዩት ፈሩአቸው”

"Kana irratti isa qabachuu yaalan, garuu tuuta warra Yesusin akka raajiitti fudhatan sana sodaatan."

Yesuusiin qabuu barbaadanii, ummata Yesuusiin akka Nabiyyiitti fudhatan sodaatani. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

5 ✍ Luqaas 7:16

“ታላቅ ነቢይ በኛ መካከል ተነሦቶኣል”

"Hundumti isaaniis, na'anii, "Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba isaa ilaaleera" jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan. "

Ummanni yeroo sanaa; "nabiyyii guddaatu nu gidduu ka'e" jedhani. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

6✍ Luqaas 24:19

”በእግዚኣብሄርና በሕዝቡ ሁሉ ፊት በስራና በቃል ብርቱ ነቢይ ስለ ነበረው ስለ ናዝሬቱ ስለ ኢየየሱስ”

"Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango- qabeessa ture sana,"

Waaqayyo fi nama biratti nabiyyii cimaa akka ture dubbatani. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

7✍ Yohannis 6:14

”ከዚህ የተነሳ ሰዎቹ ኢየሱስ ያደረገውን ምልክት ባዩ ጊዜ ይህ በእውነት ወደ ኣለም የሚመጣው ነቢይ ነው ኣሉ”

"Namoonni sun milikkita Yesus argisiise kana yommuu argan, "Kun dhuguma raajicha isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana" jedhan."

Raajii Yesuus hojjetaa ture yemmuu arganitti, "kun nabiyyii gara biyya lafaa dhufeedha" jedhani. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

8✍ Yohannis 4:19

”ሴቲቱ ጌታ ሆይ ኣንተ ነቢይ እንደ ሆንህ ኣያለሁ”

"Kana irratti dubartittiin, "Akka ati raajii taate nan arga, yaa gooftaa."

Dubartittiin sun; "Ati akka nabiyyii taaten si arga" jette. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

9✍ Yohannis 9:17

”በመካከላቸው መለያየት ሆነ ከዚህም የተነሳ ዕውሩን ኣንተ ዓይኖችህን ስለ ከፈተ ስለ እርሱ ምን ትላለህ? ደግሞ ኣሉት እርሱም ነቢይ ነው ኣለ”

"Kana booddee warri Fariisotaa namicha isa jaamaa ture sanaan, "Waa'ee isa ija kee siif bane kanaa maal jetta?" jedhan; yommus namichi, "Inni raajii dha" jedhee deebiseef."

"Namtichi raajiin irratti hojjetame sun: "Yesuus raajii" akka ta'e dubbate. Kanaafuu; Yesuus nabiyyii Rabbiiti malee Waaqayyo miti jechuudha.

👉 Telegram channel

https://t.me/+VEf9ngIGA3DPgg3d

👉 Telegram channel https://t.me/Dhugaa_Dhokate

👉 Telegram channel https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa

👉 Facebook https://www.facebook.com/profi....le.php?id=1000918331

👉 Ummalife keenya

https://ummalife.com/QorannooAmantiiKiristaana

Send as a message
Share on my page
Share in the group