Translation is not possible.

Nabiyyummaa Nabi Muhammad ﷺ

Kutaa 3ffaa

بسم الله الرحمن الرحيم.

وَمَا كُنتَ تَتْلُوا۟ مِن قَبْلِهِۦ مِن كِتَٰبٍ وَلَا تَخُطُّهُۥ بِيَمِينِكَۖ إِذًا لَّٱرْتَابَ ٱلْمُبْطِلُونَ

Ati (yaa Muhammad!) Isa dura kitaaba tokkollee kan dubbiftuufi harka keetiinis barreessitu hin turre. Odoo akkas taatee warri badii ni shakku turan. [29:48]

Yaa obboleessa koo!

Waa'ee Nabi Muhammad ﷺ beekuu yoo barbaadde; yaada mishinaroota fi yaada namoota jibbaan sammuu isaanii booreessanii hin hordofuu dhiisuun, ragaa Qur’aana fi hadiisa akkasumas seenaa qulqulluu qoradhu.

Nabi Muhammad ﷺ ; yemmuu nabiyyummaaf filamanii ergamanitti ummanni Arabaa sirna dubbiin fi barreeffamaan baay’ee beekamoo turani. Kanaaf; Araboonni yeroo sanaa dubbiin gariin isaanii; Muhammad kun, falfala jedhu, gariin isaanii ofiin qopheesse jedhu, gariin immoo ofii namoota duriiti jechuun itti qoosaa turani.

Egaa ; akkas jedhaa Qur’kanatti osoo qoosaa jiranuu, wanti hin eegamne tokko itti dhufe. Innis; Qur’aanni kun Rabbiin biraa hin dhufne yoo jettan, 'waliin ta'uun karaa kamiiniyyuu waan Qur’aana kana fakkaatu fidaa' jedhamani.

أَمْ يَقُولُونَ تَقَوَّلَهُۥۚ بَل لَّا يُؤْمِنُونَ فَلْيَأْتُوا۟ بِحَدِيثٍ مِّثْلِهِۦٓ إِن كَانُوا۟ صَٰدِقِينَ

Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu moo?” lakkii, isaanumatu hin amanne. Yoo kan dhugaa dubbatan ta’aniif haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu. [52:33-34]

Araboonni hammam sirna barreeffamaan kan qarooman ta'us, waan Qur’aana fakkaatu fiduu hin dandeenye.

Rabbiin kanaan hin dhaabne. Qur’aana guutuu fiduu yoo dadhabdan, wal gargaaruun keyyata 10 qofa jedhe.

أَمْ يَقُولُونَ ٱفْتَرَىٰهُۖ قُلْ فَأْتُوا۟ بِعَشْرِ سُوَرٍ مِّثْلِهِۦ مُفْتَرَيَٰتٍ وَٱدْعُوا۟ مَنِ ٱسْتَطَعْتُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ

“Inumaayyuu isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? “yoo kan dhugaa dubbattan taatan Rabbiin ala waan dandeessan waamadhaatii, suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa” jedhiin. [11:13]

Kanas fiduu hin dandeenye. Ammas Rabbiin erga keyyata 10 dadhabdanii, mee keyyata tokko fidaa jedhuun isaan qore.

أَمْ يَقُولُونَ ٱفْتَرَىٰهُۖ قُلْ فَأْتُوا۟ بِسُورَةٍ مِّثْلِهِۦ وَٱدْعُوا۟ مَنِ ٱسْتَطَعْتُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ

Moo sila isaan “isatu (Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhu? “Oggas suuraa tokko kan isa fakkaattu fidaaYoo kan dhugaa dubbattan taatan, Rabbii gaditti nama dandeessan (gargaarsaaf) waamadhaa” jedhi. [10:38]

Kanas fiduu hin dandeenye. Kana booda Rabbiin akka abdii kutatan; "Namoonni fi jinniin walitti qabamanii wal gargaaranii, waan Qur’aana kana fakkaatu fiduu hin danda'an" jechuun lafa kaa'e.

قُل لَّئِنِ ٱجْتَمَعَتِ ٱلْإِنسُ وَٱلْجِنُّ عَلَىٰٓ أَن يَأْتُوا۟ بِمِثْلِ هَٰذَا ٱلْقُرْءَانِ لَا يَأْتُونَ بِمِثْلِهِۦ وَلَوْ كَانَ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ ظَهِيرًا

Jedhi: “odoo ilmi namaatiifi jinnoonnis fakkaataa Qur’aana kanaatiin dhufuu irratti walitti qabamanii, odoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniis fakkaataa isaatiin hin dhufan.” [17:88]

Itti aansee Rabbiin akkana jedha; waan Qur’aana fakkaatu tasuma fiduu hin dandeessan waan ta'eef, abidda jahaannamaa sodaadhaa" jechuun akeekkachiisa itti kenne.

فَإِن لَّمْ تَفْعَلُوا۟ وَلَن تَفْعَلُوا۟ فَٱتَّقُوا۟ ٱلنَّارَ ٱلَّتِى وَقُودُهَا ٱلنَّاسُ وَٱلْحِجَارَةُۖ أُعِدَّتْ لِلْكَٰفِرِينَ

Yoo [amma dura] hin dalagin; fuuldurattis hin dalagdanu; kanaafuu ibidda qabsiisaan ishee namaafi dhagaa ta’e kan kaafirootaaf qopheeffamte sodaadhaa. [2:24]

Yaa obboleessa koo!

Mee amma nabi Muhammad nabiyyuu dhugaa ta'uu isaanii siif haa dhaamu.

Innis maali jechuun kee hin oolu. Egaa waan beektonni arabaa kanneen walaloon, dubbiin, dhaggeettiin, keyyata tokko fidaa jedhamanii fiduu hin dandeenye; namni jiruu isaa guutuu barreessuu fu dubbisuu hin dandeenye Qur’aana ajaa'ibaa kana akkamitti fiduu danda'u jettee yaadda? Deebii sammuu keessaniifan dhiisa.

وَمَا كُنتَ تَتْلُوا۟ مِن قَبْلِهِۦ مِن كِتَٰبٍ وَلَا تَخُطُّهُۥ بِيَمِينِكَۖ إِذًا لَّٱرْتَابَ ٱلْمُبْطِلُونَ

Ati (yaa Muhammad!) Isa dura kitaaba tokkollee kan dubbiftuufi harka keetiinis barreessitu hin turre. Odoo akkas taatee warri badii ni shakku turan. [29:48]

Kun kan inni agarsiisu; Qur’aanni waan Nabi Muhammad ofiin dubbate ykn barreesse osoo hin taane, waan Rabbiin isa gooftaa addunyaa biraa akka itti bu'ee fi Nabi Muhammad nabiyyii dhugaa Rabbiin biraa ergaman ta'uu nutti agarsiisa.

تَنزِيلُ ٱلْكِتَٰبِ لَا رَيْبَ فِيهِ مِن رَّبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Buufamni kitaabichaa Rabbii aalamaa irraa ta'uun shakkiin isa keessa hin jiru. [32:2]

وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَسْتَ مُرْسَلًاۚ قُلْ كَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدًۢا بَيْنِى وَبَيْنَكُمْ وَمَنْ عِندَهُۥ عِلْمُ ٱلْكِتَٰبِ

Isaan kafaran “ati ergamaa miti” Siin jedhu. “Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragummaan Rabbiifi namoonni beekumsi kitaabaa isaan bira jiru ga’aadha” jedhi. [13:43]

Inshallaah. Itti fufa .....

👉 Telegram channel https://t.me/Dhugaa_Dhokate

👉 Telegram channel

https://t.me/+VEf9ngIGA3DPgg3d

👉 Telegram channel https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa

👉 Facebook https://www.facebook.com/profi....le.php?id=1000918331

👉 Ummalife keenya

https://ummalife.com/QorannooAmantiiKiristaana

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Dʜᴜɢᴀᴀ ᴅʜᴏᴋᴀᴛᴇ
Send as a message
Share on my page
Share in the group