Translation is not possible.

Nabiyyummaa Nabi Muhammad ﷺ

Kutaa 2ffaa

بسم الله الرحمن الرحيم

وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَسْتَ مُرْسَلًاۚ قُلْ كَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدًۢا بَيْنِى وَبَيْنَكُمْ وَمَنْ عِندَهُۥ عِلْمُ ٱلْكِتَٰبِ

Isaan kafaran “ati ergamaa miti” Siin jedhu. “Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragummaan Rabbiifi namoonni beekumsi kitaabaa isaan bira jiru ga’aadha” jedhi. [13:43]

Yaa obboleessa koo!

Waa'ee Nabi Muhammad ﷺ beekuu yoo feete, waan mishinaroonni awurooppaa ykn namoota ija jibbaan dubbatan fi barreessan dhiisuun seenaa dhugaa fi qabatamaa ykn akkasumas ragaa qabatamaa qoradhu.

Har'as Nabi Muhammad (ﷺ) nabiyyii dhugaa ta'uu isaanii qabxiilee kallattiin ibsan irraa haa ilaallu.

Nabi Muhammad ﷺ nama ani addunyaa maraafan ergame jedhee of tuulu miti. Nabi Muhammad ﷺ akka raajota sobduu yeroo ammaa lafaa kaatee, ofumaa kitaaba barreessanii ofumaa "ani nabiyyiidha" jedhan sana miti. Nabi Muhammad ﷺ hokkora "Ani akkana, nama akkanaati" jedhanii of dhaaddatan miti.

Eyyeen. Nabiyyiin sobaa ummata biratti fudhatamummaa argachuuf jecha, waan hin beekne tokko "beeka, natti muldhateera" jechuun ofiin of guddisa malee, dogoggora ofiin "doggoggora hojjetteetta" jedhee ofiin of hin komatu.

Gara nabiyyii keenyaatti yemmuu isin deebisu; Rabbiin Nabiyyiif kabaja kennee erga filatee booda, ilmi namaa Taabota ykn Xaaguuta gabbaruu dhiisee Rabbiin tokkicha akka gabbaru waamicha gochuu jalqabani. Egaa; yeroo tokko qureeyshota makkaa gurguddoo waliin waamicha gara islaamummaa taasisaa osoo jiranii, namni ija jaamaa tokko Ibnu ummu makhtuum kan jedhamu gidduun seenee gaaffii gaafate.

Nabiyyiinis; Gurguddoon qureyshotaa kun islaamummaa yoo fudhan, namoonnii biroos haala salphaa ta'een islaamummaa fudhachuu danda'u yaada jedhuun miira keessa galanii mar'achiisaa waan jiraniif, namichi kun gidduun seenee gaaffii biraa yemmuu gaafatu, bifa dheekkamsaatiin fuula isaanii irraa naanneessani.

Yemmuu sana Rabbiin keenya "Yaa nabiyyii koo, dogogorte" jechuun akkas jedhee itti dubbate.

عَبَسَ وَتَوَلَّىٰٓ أَن جَآءَهُ ٱلْأَعْمَىٰ وَمَا يُدْرِيكَ لَعَلَّهُۥ يَزَّكَّىٰٓ أَوْ يَذَّكَّرُ فَتَنفَعَهُ ٱلذِّكْرَىٰٓ أَمَّا مَنِ ٱسْتَغْنَىٰ فَأَنتَ لَهُۥ تَصَدَّىٰ وَمَا عَلَيْكَ أَلَّا يَزَّكَّىٰ وَأَمَّا مَن جَآءَكَ يَسْعَىٰ

وَهُوَ يَخْشَىٰ فَأَنتَ عَنْهُ تَلَهَّىٰ كَلَّآ إِنَّهَا تَذْكِرَةٌ فَمَن شَآءَ ذَكَرَهُۥ

"Fuula guuree gara gale. Sababa jaamaan isatti dhufeef. Maaltu si beeksise? Qulqullaa’uun isaa ni kajeelama. Yookiin gorfameeti gorsi isa fayyaddi. Nama duroome immoo, Ati [akka amananuuf jecha] gara isaa gara galta. Haala qulqullaa'uu dhiisuun isaa homaa sirra hin jirreen. Nama fiigaa sitti dhufe immoo, Kan Rabbiin sodaatu ta’ee, Ati isa irraa dagatta. Dhorgami! Isheen gorsa. Nama fedhetu isa (Qur'aana) yaadata." [80:1-12]

Yaa obboleessa koo!

Mee keyyattoota olii kanneen miira jibbaa hin qabneenbija qalbiin ilaali.

Yaadni keyyaticha irraa nabiyyiin keenya gurguddoo qureyshotaa waliin dubbataa osoo jiranuu, Namtichi ija jaamaa kun itti dhufee, nabiyyii gaaffii gaafata. Ergamaan Rabbii fuula isaanii irraa gara galchani. Rabbiin waan kana ilaalee, "Namoonni ati naaf amanu jettee itti cinqamtu kun warreen dhugaa hin barbaanne ta'anii osoo jiranii fuula ifaan simatta.

Namicha dhugaa qabatee barnoota sirraa barbaadu sanarraa immoo fuula naanneessuta! Namoonni ati mar'achiistu kunniin dhugaa barbaaduu fi dhiisuu maaltu si beeksise? Jechuun komate.

Namni nabiyyii dhugaa hin taane tokko, ofiin dogogaraa jirta, namni ati fuula kee irraa naanneessite sun haala qulqulluu ta'een nama dhugaa barbaadee dhufeedha jechuun ofiin of ni komataa? Tasuma waan akkasii hin godhu. Ittuu; "Ani beekaadha, naaf muldhateera" jechuun of ibsa malee bifa kanaan of hin komatu.

Kun kan inni agarsiisu; Nabi Muhammad (SAW) nabiyyii dhugaa ta'uu isaaniiti.

Itti fufa..... Inshallaah

👉 Telegram channel https://t.me/Dhugaa_Dhokate

👉 Telegram channel

https://t.me/+VEf9ngIGA3DPgg3d

👉 Telegram channel https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa

👉 Facebook https://www.facebook.com/profi....le.php?id=1000918331

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Telegram: Contact @Dhugaa_Dhokate

Dʜᴜɢᴀᴀ ᴅʜᴏᴋᴀᴛᴇ
Send as a message
Share on my page
Share in the group