Translation is not possible.

#????????..

Deemsa karaa dheera

Imalaaf yoo baatee

Gufuun baayyatullee

Obsitee yoo dabartee,.

Dhagaan siif guurame

Walitti qabamuus tulluu

Akka arraatiif malee

Isa kaleetti hin bulluu,.

Jabeeysite itti fufnaan

Imallikee galma gahaa

Sitti ulfaate hin kufiin

Boru ifeeti hangahaa,.

Achi laallte fagaatuus

Akka ji'a samii keessaa

Abdii muruu baannaan

Gaaf-tokko bira geessaa,.

Laafinakee kan arraami

Jabina kee boruu ilaalii

Warra kaayyoon milkaa'an

Isaan suniin of madaalii,.

Dhiphinni sammuu arraa

Jabinake boruu laaffisaa

Jarjaraan re'een horuum

Obsuudha furmaanni isaa,.

Kanaaf kaayyoo jalqabdee

Galma geessisuuf aggaami

Warri abdii muranii kufaan

Hin tilmaamamu lamaami,.

Sumaatu injifata jabaannan

Jabeessi dhaabin  miilakee

Kan milkeeysu sumaam

Kaayyoo deemsa"imalakee"

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group