Translation is not possible.

Dooniin Namoota 75 ol feetee turte Galaana Diimaatti dhidhimteetti.

----------------------------------

Dooniin Namoota 75 moggaa Yamanii feetee turte dhidhimuun ishee himame. Dooniin kun baay'inaan godaantota gaanfa Afrikaa kan feetee turte yoo ta'u achi buuteen ishee dhabameera.

Dooniin galaana diimaatti dhidhimte kun namoota 75 isheen fe'atte keessaa 26 yoo baraaraman kaan achi buuteen isaanii dhabameera jedha daangaa eegaan Yaman tokko yaada kenneen.

Dooniin kun kan isheen dhidhimuu dandeesse bubbee cimaa galaanicha irraa ishee mudateen ta'uunis eerameera.

Taateen akkanaa yoo mudatu kun kan yeroo jalqabaa miti. Namoonni baay'een Itiyoophiyaa,Soomaliyaa Jibuutiifi kanneen biroo irraas gara biyyoota birootti godaanuun jireenya fooyya'aa barbaacha kallattii kanaan ni imalu. Haa ta'uutii garuu balaan akkanaa immoo yoo mudatu baay'eetu lubbuu qaalii dhaba.

Nuhordofaa

👉YouTube https://youtube.com/@TOLTUMEDIA?

👉Telegram

https://t.me/toltu_media

👉Facebook

https://www.facebook.com/

👉TikTok

https://www.tiktok.com/@toltu.media?

image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group