Translation is not possible.

Baankiin mootummaa kan dhala irraa bilisaa akka hundaa'u gaafatame

Toltu-media Page : Onkololeessa 26/2016

Baankiin tajaajila dhala irraa bilisaa kennu mootummaan akka hundaa'uuf gaafatameera.

Tajaajilli baankii dhala irraa bilisaa akka biyyattiitti sadarkaa amma irra jiru caala babal'atee hawaasaaf tajajila akka kennuuf mootummaadhaan baankiin dhalarraa bilisaa akka hundaa'u dura ta'aa itti aanaan perezidaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheyik Abdulkariim Sheyik Badraddiin gaafataniiru.

Sheyik Abdulkariim sagantaa kabaja CBE Nuur waggaa kurnaffaa irratti argamuun haasaa taasisaniin tajaajilli fiddaa baankii dhalarraa bilisaa CBE Nuur baankii daldala Itiyoophiyaa jala jiru akkuma baankiilee islaamaa biroo guutummaan guutuutti tajaajila dhala irraa bilisaa kan kennan ta'ee akka hundaa'u gaafataniiru.

Hanga ammaatti Itiyoophiyaatti tajaajila baankii dhala irraa bilisaatiin qarshiin walitti qabame biliyoona 200 ol ta'uun saganticha irratti eerameera. Harun media wabeeffannne.

Nuhordofaa

👉YouTube https://youtube.com/@TOLTUMEDIA?

👉Telegram

https://t.me/toltu_media

👉Facebook

https://www.facebook.com/

👉TikTok

https://www.tiktok.com/@toltu.media?

image
image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group