Qumuqta qilghuchi yo'q.

Misaa'ila Huutiin gara Israa'iil 'tti furguggise humni qilleensaa Sawud Arabiyaa rukutee kuffisuu... Mudannoo ajandaa Miidiyaalee ta'e! Sawud Arabiyaan eenyu cinaa hiriirtee..?

Sawud Arabiyaan Misaa'ila Yaman gara Israa'iilitti furguggiste haleeluun fashaleessite! Buufanni Siistama humna qilleensaa Sawud Arabiyaa Misaa'ila Yaman garasitti furguggisaa jiru Israa'iiliin akka hin qaqqabnee fi miidhaa akka hin dhaqqabsiisne qilleensa irratti haleeluun kuffisaa jiraachuun ishee himamee jira.

Ameerikaan michuun ishee Israa'iil haleellaa biyya biraa irraa ishee irratti aggaamamuuf akka hin saaxilamne taasisuuf meeshaa farra-misaa'ilaa Galaana Diimaa irratti bobbaasuun qolachaa kan jirtu yoo ta'u biyyi Arabaa fi Islaamaa Sawud Arabiyaan 's hojii qolannaa kanatti makamuun ishee ijoo dubbii ta'uun Miidiyaaleen ajandaa godhatanii jiru.

Huutiin Yaman hojii Sawud Arabiyaa kana ilaalchisuun ibsa baasaniin "Lola Waraanaa Israa'iil biyyoota Islaamaa fi Muslimoota irratti bante Muslimoota cina hiriirtee Israa'iiliin loluu osoo qabduu Sawud Arabiyaan faallaa kanaa Israa'iil cina dhaabbattee Muslimoota irratti duuluun ishee waan haalaan nama saalfachiisu dha!" jechuun balaaleffatee jira.

Misaa'iloonni Huutiin Yaman irraa furguggisu Israa'iil bira gahuuf daangaa qilleensaa Sawud Arabiyaa keessa qaxxamuruun dirqama yoo ta'u Sawud Arabiyaan garuu Misaa'illi kunneen daangaa qilleensaa ishee keessa qaxxaamuranii Israa'iiliin akka hin haleelleef meeshaa farra-misaa'ilaa Ameerikaa irra bitatte fayyadamuun rukuttee kuffisaa jirti.

Taatee Sawudiin raawwatte kun ijoo dubbii Miidiyaalee ta'uun hafarfamaa kan jiru yoo ta'u tarii Sawud Arabiyaan michuu dhoksaa Israa'iil naannawaa sanaa qabdu taatii laata jechuun shakkii qaban qoodaa jiru.

image
image
image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group