Translation is not possible.

Dhugaan dhokatuu hin dandeenye, gabroomfataan Israa’il baduuf guyyoota lakkaawwataa jira. Baroota Shanan dabarsine kana keessa wal diddaa siyaasaa hamaatu lammiilee Israa’il jiddutti mudate, yeroo Sadi filannoon gaggeeffame. Kana hogganoonni Israa’il hedduun “baduu keenya, biyti teenya osoo garruu faca’aa jirti” jechuun irraa dubbataa oolan. October 7 duraafi boodaas Israa’iloonni akka hin fayyinetti wal madeessaa jiran. Caba isaanii kana dhoysuuf ykn akka Israa’iloonni walirratti hin xiyyeeffanneef lola bananii ummata hiyyeessa Gazzaa galaafataa jiran. Haa tahu ammoo akka lolli kun dhaabbateen baasa arguuf jiraanna, ammaahuu osoo lolli jiruu hiriirri diddaa Biniyaamiin Telaviivitti gaggeeffamaa jira. Israa’il takkaa akka baranaatti hin xiqqaanne, takkaa akka baranaatti hin tuffatamnees, Ameerikaatti ba’aa taate. Lola kanaaf barnoota, geejjibaafi mirqaanni jireenyaa Israa’il keesatti dhaabbatee jira. Yeroo Israa’il caccabaa jirtu kanatti ammoo warroonni isiin lolan naannawa Israa’ilitti humna guddoo horachaa jiran. Via #nuural Hudaa

Send as a message
Share on my page
Share in the group