Translation is not possible.
Qabsoo_keetiin
 
Dachee Rabbiin kabaje
Haadha gootota danuu
Qulqulluu hundaaf biyyaa
Addunyaan si ganuu
 
Lafa Anbiyaan burqe
Adda hin cinne takkaa
Ummata kanaaf yoomuu
Kabajamtuu bakkaa
 
Kallattii koo jalqabaa
Makkaanuu dursitee
Har'a garuu addunyaan
Rasaasa gurshitee
 
Kana hin turre deebiin kee
Silaa osoo ta'ee haqa
Deebi'ee sin ariyuu
Kuusaan gabrummaatiif baqaa
 
Qaaraa harka keetiin dhaabdetu
Deebitee si gubde
Tola kan kee dagattee
Shira shirtee si hubde
 
Deebiin kee kanaa miti
Galata maleessaa
Gaafa Addunyaan ariituun
Siitu qubsiise kaleessa
 
Biqilli garbummaa
Jararraan daraare
Biyya hunda dursitee
Situ jara baraare
 
Gaarummaa kee dahattee
Gola kan kee lixxee
Lafa kee fudhattee
Ilmaan kan kee fixxee
 
Sirratti sarbamee
Mirgi dhala ati deesse
Diinni teessoo gootee
Dhiiga gubbaa teesse
 
Qaqqaammachaa jiru
Lafee haqaa bobeessanii
Weerars gaggeessanii
Gammadanii odeessanii
 
Maaf ta'e gara-galtoo
Kan sumaan jaaramte
Dubbiin fallaa taanaan
Har'a immoo nyaaramte
 
Eeyyeen akkas ta'uun kee
Gaarii immoo qabaataa..?
Dukkanni yeroo barii
Baay'isee jabaataa
 
Kan ati dararamtee
Diinni si ari'uuf..?
Tarii biiftuu haqaatu
Dhufee immoo bari'iif..?
 
Abdii ilmaan keetiin
Gargaarsa Rabbii booda
Qabsoon ati gootu
Fakkaatu illee hooda
 
Qabsoo kee hadha'aan
Diinni daaraa taati
Biyyi kee Filisxiin
Bilisa ni baati!
 
✍️... Aliyaad_Abdoo
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group