2 years Translate - Youtube
Translation is not possible.
Sadarkaa Zikriin Rabbii qabu
★★★★★★★★★★★★★★★
 
Zikriin ibaadaa hojjachuun isaa salphaafi mindaan isaa baay'ee guddaa ta'eedha. Zikrii jechuun qalbiin Rabbiin yaadataa arrabaanis Isa faarsuu dha. Mee akka Rabbiin zikriitti ajajeefi warra zikrii faarse ilaalaa:
 
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: “na yaadadhaa; anis isinin yaadadha. Na galateeffadhaa natti hin kafarinaa.” (Albaqaraa: 152). “Yaa warra amantan yaadannoo baay’ee Rabbiin yaadadhaa.” (Al-Ahzaab: 41)
“Dhiirolee baay’ee Rabbiin yaadataniifi dubartii Rabbiin yaadatan, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera.” (AL-Ahzaab: 35)
“Lubbuu kee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala Gooftaa kee faarsi. Dagattoota irraas hin ta’in.” (Al-Anfaal: 205)
 
Jechootii Ergamaa Rabbii (SAW) armaan gadiis mee ilaalaa:
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuufi isa Rabbii isaa hin yaadannee fakkeenya jiraataafi du’aati.” Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.
 
Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Dhaga’aa! Mee caalaa hojii keessanii, Rabbii keessan birattis akkaan qulqulluu, sadarkaa keessanis kan akkaan ol kaaftu, warqiifi meeta sadaqachuurra kan isiniif caaltuufi isin diina keessan qunnamtanii morma isaanii rukutuufi isaan morma keessan rukutuu irra kan isiniif caalu isinitti himuu?” Eeyyee jedhan. “Inni zikrii Rabbii ol ta’eeti” jedhan.
 
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Rabbiin ol ta'e ni jedha: ‘ani bakka gabrichi kiyya itti na yaaden jira. Ani yeroo inni na yaadate isa waliinin jira. Yoo inni lubbuu isaa keessatti na yaadate lubbuu kiyya keessattin isa yaadadha. Yoo inni jamaa’aa keessatti na yaadate jamaa’aa isaan caalan keessattin isa yaadadha. Yoo inni taakkuu natti dhihaate dhundhuman itti dhihaadha. Yoo inni dhundhuma natti dhihaate harka guutuun isatti dhihaadha. Yoo deemaa natti dhufe sussukkiinin isatti dhufa.”
 
Abdullaah bin Busr irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: namni tokko “yaa Ergamaa Rabbii sharii’aan Islaamaa narratti baay’attee waan ani qabadhu natti himi” jedhe. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “arrabni kee Rabbiin zakkaruu irraa hin qoorin.”
Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “kitaaba Rabbii irraa namni qubee tokko dubbise mindaa qaba. Mindaan immoo fakkii isii kudhaniin kaffalamti. ‘Alif Laam Miim’ qubee tokko hin jedhu; garuu Alif qubeedha Laamis qubee Miimis qubeedha.”
Uqbaa bin Aamir irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) osoo nuti warra suffaa keessa jirruu nurratti bahanii “isin keessaa eenyutu guyyaa hundaa gara Buxhaan yookiin Aqiiq dhaqee haala yakkaafi firooma kutuu hin qabneen gaala gooba dhedheertuu lama fudhatee dhufuu jaalata?” jedhan. “Yaa Ergamaa Rabbii sana ni jaalanna” jenne. Ergamaan Rabbii (saw) “tokkoon keessan gara masjidaa deemee kitaaba Rabbii irraa aayata lama barachuun yookiin qara’uun gaala lama irra isaaf caala; sadii gaala sadii irra caala. Afuris gaala afur irra caala. Gaala lakkoofsa hanga isaanii ni caalu.”
Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “namni taa’icha tokko taa’ee isa keessatti Rabbiin hin zakkarin hoongoon Rabbiin biraa ta’e isa mudata. Namni ciisicha wahii ciisee isa keessatti Rabbiin hin zakkarin gaabbii Rabbiin biraa ta’etu isarra jiraata.”
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “ummanni taa’icha isa keessatti Rabbiin hin zakkarreefi Nabiyyii irratti rahmata hin buusin taa’an hoongoon Rabbi biraa ta’e isaan irra jiraatu malee hin hafu. Rabbiin yoo fedhe isaan adaba yoo fedhe isaaniif araarama.”
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “ummanni taa’icha isa keessatti Rabbiin hin zakkarre irraa ka’an akka waan raqa harree irraa ka’aaranuu ta’an malee hin hafan. Gaabbiin (sheenaan) isaan irra jiraata.”
 
Zikrii keessa kan salaata boodaa, akkasumas kab ganamaafi galgalaa akka hin daganne. Bu'aan jaraa himamee hin dhumu. Osoma yakka hanga oomocha galaanaa qabaattee sirraa harca'a.
 
Barnoota viidiyoo akka argattaniif YouTube kiyya kana Subscribe godhaa:
https://www.youtube.com/channe....l/UCboBLPHVeSqHTOnso
Send as a message
Share on my page
Share in the group