Translation is not possible.

Baddu baddi malee bofa ija hin dhiqan jedhe ani yoo mammaaku

**********************************************

warri kuun saree waan jedhuuf jedheeti sareen ammoo amma dhiqamaa jirti tarii bira dabartee waldhaansa ilama namaa caala argachaa jirti jedheeti warra dhugaa saree hubateef

Waan fedhetu bada malee namni nahaa jaalatuuf jedhee soba hin dubbadhu ani dhugaa dubbadhee warri sobaa najibbee rabbii najaalatee rabbiin ammoo warra dhugaa akka najaalatu gochuu akka danda'u waan beekuufi

Kanaaf hawaasa keenna qaalii bareedaa kana rabbiin bakka jimaa irraa galii ittiin argatan san rabbiin gaaza nadaajii barakaa qabdu kenniif qananiisiin du'aa'ii tiyya

Jimaan tan hawaasa keenna harargee qofaa miti tan oromiyaa guutuuti

Miidhan hawaasa haragees ammoo miidhama teenna

Garuu jimaan faaydaa isii caala miidhaa isiin hawaasa keenna duubatti hambiftetu caala Sababa isii kaafirri nu tuffate

biyya akka yamanii fa'a fakkeegna godhachuu dandeenya sadarkaa biyya jimaa oomishtuu fi biyya haalaan qamatu keessaa yamaniin isii jalqabaati akkasumas biyya galiin isiillee goddoo turte haata'u malee har'a haala yamaniin keessa jirtu ni beekna

jimaan dargaggoo miiti akka inni hunmna jabaa hin qabne isa taasisti yeroo ammaa kana ammoo peenxeen wanni isiin karaa ittiin argattee ijoollee teenna shamaraa karaa irraa jallisaa jirtuun warri islaamaa bar baala jala yaa'anii jedhaniiti

Jarri warra qaroome nuti islaamni ammoo warra duubatti hafaadha jedhanii waan yaadaniifi akka jaraatti

Amma olkaanee qaama keenna kan harargeetiinis har'uma dhiisaa haraama yoo jenneenis haalli teessuma lafa harargee teesumni isii qonnaaf mijattuu miti tabba baay'atti kanaaf akka hawaasni keenna beelaan nujalaa hin miidhamne beektonni keenna kan islaamaa taa'ee rakkoo hawaasa keennaallee hubatee qaamaan dhaqee laalee furmaata haala galiin gahaan galii caatiin galchitu caala galchuu danda'u qoratee furmaata dhaabbataa argamsiisuu qabaata ulamaa jechuun daa'ii imaama mu'aazzina masjidaa koree masjidaa miti sadarkaa qabdi akkuma

Sadarkaa beekkumsa addunyaa tana warri baratu diipiloomaa digrii jalqabaa maastarsiii pii ech dii (phd) fi achii ol sadarkaa qaban sadarkaan barumsa shari'aallee sadarkaa qabdi

Wanni kana jedheef olamaa'iin teennas sadarkaan beekkumsa jaraa warra beekkumsa duniya barate harka baay'een caala garuu hanqinni guddaan jiru

1ffaa beektonni (olamaa'onni) teenna beekkuumsa isaanii irratti hin hojjanne

Hin hammayyeesine dhugaan jirtu awwaalamtee jirti gara galii seera shari'aan islaamaa bocattee lafaa ture maqaa saayinsii jedhuun hatanii ittiin jiraatutti jiran warri adiin

2ffaa

Nutis sadarkaa beektonni islaamaa qaban hin hubanne

Kana ta'uun ammoo aarsaa guddaa nu kafalchiisaa jira

Rabbiin waan xiqqoof jecha tokkummaa keenna hin diigin

Ani dhalataa baalee roobeeti (agaafraa)

Garuu obboleeyyan tiyya tan islaamaa godinaalee naannoo fi biyya addugnaa tana irra jiran hundaa akka ija tiyya tan bitaa fi mirgaatti laaluu barbaada ennuyyuu eennuu olii miti warra sodaa rabbii qabu malee

Hunda keesaanuu rabbiif jechaan isin jaaladha

Send as a message
Share on my page
Share in the group