UMMA TOKEN INVESTOR

Translation is not possible.

{ وَلا تَهِنوا وَلا تَحزَنوا وَأَنتُمُ الأَعلَونَ إِن كُنتُم مُؤمِنينَ }

[ آل عمران: ١٣٩ ]

Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

حديث أبي هريرة  أن رسول الله ﷺ قال: آية المنافق ثلاث، إذا حدث كذب وإذا وعد أخلف، وإذا اؤتمن خان، وفي رواية وإن صام وصلى وزعم أنه مسلم

Send as a message
Share on my page
Share in the group
Translation is not possible.

Waadaa Rabbiin Islaamummaadhaaf seene.

===================================

Kewwatoonni Qur'aanaa Islaamummaan ifaa Rabbii akka ta'e nutti himu, ifaa Rabbii kanas warri kafaran afaanuma Isaanitiin dhaamsuu barbaadan jechuun shira gantoonni yaadan saaxilee nuuf addeessa. mee duula yeroo ammaa akka addunyaattis ta'ee akka biyyaatti miidiyaalee gurguddoo dabalatee miidiyaalee hawaasummaatiin Islaamummaa irratti kallatiinis haa ta'uu al kallattiin gaggeeffamu ilaali. :- "afaanuma isaanitiin ifaa Rabbii dhaamsuu barbaadu" barruu time Ebla 16/ 1979 ba'e irratti akka ibsametti . Islaamummaa maqaa balleessuuf jecha turtii waggoota 150 keessatti jechuunis (1800-1950)tti kiristiyaanota dhihaatiin kitaabileen kuma jahaatamaa (60,000) ol barreeffamanii jiru.kana jechuun osoo guyyaaf kan hirru taatee guyyatti kitaaba tokkotu Islaamummaa irratti barraaha jechuudha." Kitaaba Ustaaz Ahmaddiin Jabal «የሴቶች መብትና እኩልነት በኢስላምና በክርስትና » jedhu fuula 118 irraa kan fudhatameedha. Warri dhihaa Islaamummaa balleessuuf hangana ifaajanis bu'aan argame garuu faallaa kanaa ta'ee mul'ate. inumayyu Islaamummaan yeroo ammaa biyyoota kamuu caalaa biyyoota dhihaa keessatti haala malee babal'ataa jira. Kunis waadaa Rabbiin Qur'aanaa kabajamaa keesaatti seenetu fiixa bahe.gara fuulduraas ittuma fufa qur'aannni kabajamaan akkana jedha

{{يُرِيدُونَ أَن يُطْفِـُٔوا۟ نُورَ ٱللَّهِ بِأَفْوَٰهِهِمْ وَيَأْبَى ٱللَّهُ إِلَّآ أَن يُتِمَّ نُورَهُۥ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْكَٰفِرُونَ} هُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلْهُدَىٰ وَدِينِ ٱلْحَقِّ لِيُظْهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْمُشْرِكُونَ}}

Isaan (kaafiroonni) ifaa Rabbii afaanuma isaaniitiin dhaamsuu fedhu Oduma kaafirtoonni jibbanuu Rabbiin ifaa Isaa guutuu malee (fedhii isaanii) ni dida.Inni (Rabbiin) Isa odoma mushrikoonni jibbanuu, amantii hundarra ol taasisuuf jecha ergamaa Isaa qajeelumaafi amantii haqaatiin ergeedha (At-Tawubaa 9:32-33)

Akkasumas suuraa biroo keessattis Allaah'n ol ta'e waada kana irra deebi'ee jabeesse nutti hima.

{{يُرِيدُونَ لِيُطْفِـُٔوا۟ نُورَ ٱللَّهِ بِأَفْوَٰهِهِمْ وَٱللَّهُ مُتِمُّ نُورِهِۦ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْكَٰفِرُونَ }هُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلْهُدَىٰ وَدِينِ ٱلْحَقِّ لِيُظْهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْمُشْرِكُونَ }}

"Ifa Rabbii afaan isaaniitiin balleessuu fedhu.Odoma kaafiroonni jibbaniiyyuu Rabbiin ifa Isaa ni guuta .Inni Isa odoo mushrikoonni jibbanuu, amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii haqaatiin ergeedha(As-Saffi 61:8-9)

Eeyyeen Islaamummaan Yeroo hundaa injifataadha. Duulli kamuu ifaa Islaamummaa dhaamsuu hin danda'u.Islaamummaan Amntii dhuugaati dhugaan gonkumaa dharaan hin ijifatamtu Rabbiin guddaan akkan jedha:-

هُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلْهُدَىٰ وَدِينِ ٱلْحَقِّ لِيُظْهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدًا

Inni Isa ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii dhugaatiin, amantii hunda irratti ol isa taasisuuf jecha ergeedha.Ragaaf Rabbiin qofti ga’aadha.(Al-Fathi 48:28)

Eeyyeen "Ragaaf Rabbiin qofti ga’aadha".

Telegram @Jemal89

Send as a message
Share on my page
Share in the group