Translation is not possible.

Masjiidni guddichi Afriikaa Aljeeriyaatti eebbifame

Spider Media : Guraandhala 18/2016

Perezidaantiin mana maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa sirna eebba masjiida guddichaa Afriikaa Jama'atal Jazaa'ir Aljeeriyaatti ijaaramee irratti argamaniiru.

Sheyik Hajjiin sirnichatti argamuun haasaa taasisaniin sagantaa eebba masjiida guddichaafi miidhagaa Jama'atal Jazaa'ir irratti argamuu isaaniitiif gammachuu isaanitti dhaga'ame maqaa isaaniifi maqaa mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatiin ibsaniiru.

Itti dabaluun manni maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa maqaa mootii As-Haamaa bin Abjaar (Najaashii)tiin waajira muumichaa Gamtaa Afriikaa fuulduratti masjiida sadarkaa isaa eeggate ijaarsisuuf halduree hunda xumura jira jedhani.

Magaalaa Aljeersittu sirna ho'aadhaan kan eebbifame masjiidni Jazaa'ir Makkaafi Madiinaatti aansee sadarkaa sadaffaa akka qabatu kan himame yoo ta'u akka Afriikaattu ammoo masjiida isa guddichaati jedhame.

Perezidaantiin Aljeeriyaa AbdulNajiib Tiiboonii saganticha irratti argamuun masjiidicha eebbisiisaniiru

Dr Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa affeerraa Amiira muslimoota Aljeeriyaa Sheyik Muhaammad Al Mamuun Musxafaa Al Qaasimiitiin isaaniif taasifameen biyyattiitti fooramii aalimootaa irratti hirmaachuun dheengadda gara Aljeeriyaa imaluun isaanii kan yaadatamuudha.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group