Translation is not possible.

Sirni badhaasa dorgommii dizaayinii arkitekchara duraa ijaarsa Giddugala Islaamaa Mootii Najashii gaggeeffamaa jira

Spider Media : Guraandhala 7/2016

Magaalaa Finfinnee naannaawaa Bulgaariyaa jedhamutti kan ijaaramu hojii ijaarsaa Giddugala Islaamaa Mootii Najashiitiif sirni badhaasa dorgommii dizaayinii arkitekchara duraa Finfinnee Hoteela 'Stay Easy Plus'tti gaggeeffamaa jira.

Dura ta’aan koree Giddugala Islaamaa Mootii Najaashii Ustaaz Abubakar Ahmad Ijaarsa giddugala guddicha maqaa mootii Najashiitiin mogga'e kanaatiif qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.

Ustaaz Abubakar itti dabaluun giddugalichi teessoo Gamtaa Afriikaa kan taate magalaaa Finfinnee akkasumas mootii Najaashii bifa madaaluun kan ijaaramu ta'uufi dorgommiin gaggeeffamu akkuma xumurameen dhiheenyatti hojii ijaarsaa kan eegalu ta'uu ibsani.

Saganticha irratti perezidaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa, I/A perezidaantii Sheyik Abdulkariim Sheyik Badraddiin, perezidaantii majlisa magaalaa Finfinnee Sheyik Sulxaan Amaan Eebbaa, gorsaa addaa perezidaantii majlisa federaalaafi dura ta'aa koree masjiida Najaashii kan ta'an Ustaaz Abubakar Ahmad dabalatee hooggantoonni majlisaa, dorgomtoonni akkasumas keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
image
image
image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group