Translation is not possible.

Sa’udiin dhimma lammiilee Itiyoophiyaa mana hidhaa jiran irratti waloon hojjechuuf fedhii qabaachuu beeksiste.

Spider Media : Muddee 18/2016

Ministirri Bulchiinsa Biyyattii Abdullaziiz Biin Sa’udii Biin Naayfi Lammiilee seeraan ala daangaa ce’uun Sa’ud Arabiyaa seenanii fi mana hidhaa keessa jiran ilaalchisee waloon hojjechuuf fedhii qabaachuu isaanii beeksisan.

Ministirri biyyattii Sa’ud Arabiyaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Leencoo Baatii waliin mari’ataniiru.

Maricharratti Itiyoophiyaa fi Sa’ud Arabiyaan michummaa seena qabeessaa fi hariiroo jabaa kan qaban ta’uu Abdullaziiz Biin Sa’udii Biin Naayfi kaasaniiru.

Sa’ud Arabiyaan lammiilee Itiyoophiyaaf Hariiroo daldalaa, barnootaa fi walitti hidhamiinsa naannawaarra darbee carraa hojii kennite cimsitee kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.

Akkasumas, dhimma lammiilee seeraan ala Sa’ud Arabiyaa seenanii fi mana hidhaa keessatti argaman irratti waloon hojjechuuf fedhii qabaachuus eraaniruu.

Ambaasaaddar Leencoo Baatiin gama isaaniin, hariiroo gam lameeniin biyyoota lameen gidduutti fooyya’aa dhufe dinqisiifataniiru.

Fuuldurattis dhimmoota lammiileerra darbee dameewwan walta’inaan waloon hojjechuun fedhii Itiyoophiyaa akka ta’e fi dhimmicharratti bal’inaan mari’achuu ragaan imbaasicharraa argame ni mul’isa.

Maddi: FBC

Nu hordofaa

YouTube https://youtube.com/@

Spidermedia1

Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01

Telegram channel https://t.me/spidermediaa

Tik Tok https://www.tiktok.com/@spider....multimedia?_t=8bvc1u

WhatsApp

https://whatsapp.com/channel/0....029VaAgkUd8fewqlY5Jl

Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

>#spidermedia

image
image
image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group