Translation is not possible.
BBC News, Afaan Oromoo
 
Qabiyyeetti darbi
 
Kutaawwan
 
Oduu
 
Itoophiyaa
 
Viidiyoo
 
Jajjaboo
 
Israa’el viidiyoon CCTV namoonni butaman hospitaala Al-Shifaa geeffamuu agarsiisa jette
 
 
MADDA SUURAA,IDF
 
Sa'aatii 2 dura
 
Waraanni Israa’el haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwate booda viidiyoo namoonni butaman hospitaala guddicha Gaazaatti argamu geeffamuu agarsiisa jette ifoomsite.
 
Dubbi himaan Waraanaa Israa'el akka jedhanitti, namoota butaman keessaa loltuun tokko achitti ajjeefamte.
 
Isaan keessaa Nohaa Marsiyaanoo, shamarreen umrii 19 miidhaan salphaan irra geenyaan hospitaala Al-Shifaatti erga geeffamtee booda ajjeefamte jedhan.
 
Israa’el, hospitaalichi bakka wiirtuu ajaja Hamaas jettu kanatti boolli lafa jalaa argameera jette.
 
Hamaas himannaa kana ni haale.
 
BBC'n viidiyoo Raayyaan Ittisa Israa'el Dilbata darbe dhiyeesse kana addatti mirkaneessuu hin dandeenye.
 
Dubbi himaan Waraana Israa’el Daani’el Hagaarii gaazexeessitootaan ''mana dhoksaa naannoo hospitaala al-Shifaa cinatti argamutti ugguramte turte jennee maatii Nohaatti himne,'' jedhan.
 
"Haleellaa xiyyaaraa Israa’el naannoo sanatti raawwatteen shororkeessitoonni Hamaas Nohaa Maarsiyaanoo uggure ajjeefamee, isheerra ammoo miidhaa salphaa du’aaf hin qaqqabsiifnetu gahe.
 
Nohaan hospitaala Shifaa geeffamte, achitti shororkeessaa Hamaas biraatiin ajjeefamte" jedhan.
 
Israa’el hospitaala guddicha Gaazaa weeraruu ilaalchisee waan beeknu17 Sadaasa 2023
 
Israa’el guyyaatti boba’aa konkolaataan lama Gaazaa akka seenu eeyyamte18 Sadaasa 2023
 
Waraanni Israa'el-Gaazaa kaan irraa maaliif adda ta'e?17 Sadaasa 2023
 
 
MADDA SUURAA,ROOYITARS
 
Hamaas kanaan dura Aadde Maarsiyaanoon haleellaa xiyyaaraa Israa’elin akka ajjeefamte kan hime yoo ta’u, haleellaan xiyyaaraa Israa’el Sadaasa 9,2023 ta’uu ibse.
 
Sana booda Hagaariin viidiyoo CCTV kan inni Onkoloolessa 7,2023 ganamaati jedhe bane.
 
Guyyaa sanatti Hamaas haleellaa tasa kibba Israa'elitti baneen Israa'eloonni 1,200 ajjeefamanii fi 240 ol butaman.
 
Viidiyoon sun namoota butaman lama hospitaalaatti yeroo geeffaman agarsiisa.
 
Hospitaalli al-Shifaa Gaazaatti hospitaala guddaafi ammayyaati.
 
Hidhattoonni qawwee hidhatan viidiyoo CCTV Onkoloolessa7, 2023 kanarratti ni mul'atu.
 
Namoota butaman keessaa tokko waan isaan jedhan didaa ture.
 
Warra butaman keessaa tokko ammoo siree dhukkubsatoonni irra ciisaniirra jiraachui viidiyoon sun agarsiisa.
 
Waraanni Israa’el Hamaas wiirtuu ajaja bal’aa hospitaala guddicha kaaba Gaazaa jalaa qabaachuu akka mirkaneessituuf dhiibbaa guddaatu irra gahaa ture.
 
Viidiyoo Israa’el gadhiifte kana Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu dhugummaa vidiyoo mirkaneessu hin danda’u jedhe.
 
Ministeerichi tajaajilli fayyaa Gaazaatti jeeqamuufi kufaatiisaatiif guutummaatti kan ittigaafatamu Israa’eli jedhe.
 
Kanaan dura Waraanni Israa’el viidiyoo, boolla lafa jalaa balbala qabu agarsiise ture.
 
Kun gamoowwan hospitaalichaa heddu ''Hamaas akka dawoo bu'uuraalee misoomaa shororkeessummaa itti fayyadamaa ture ta’uu 'ifatti mirkaneessa''jedhan.
 
Ameerikaan Hamaas al-Shifaa dabalatee hospitaalota Gaazaa akka wiirtuu ajajaa fi kuusaa meeshaa waraanaatti fayyadamuusaa odeeffannoo basaasaa akka qabdu ibsiteetti.
 
Israa'el waajjirri muummee Hamaas hospitaalicha kana keessa jiraachuusaa mirkaneessuuf basaasa Ameerikaa caqastee jirti, garuu Ameerikaan opporeshinii waraanaa xiqqaa ta'uu mala jetti.
 
Israa’el dhimmi kun qabatamaa ta’uu fi ragaa akka argatteen dhiyeessuuf fedha akka qabdu himte.
 
Michoonni Israa’el waraanaa Israa’el Hamaas dhabamsiisuuf kaayyeffadhe jettu deeggaraniiru, garuu miidhaa namoota nagaarra gahu dabalatuutti dhiphachuu himan.
 
Ministeerri Fayyaa Hamaas hoogganamu akka jedhutti, erga waraanni eegale lakkoofsi namoota Gaazaatti du’anii 12,300 gaheera.
 
Namoonni 2,000 ol caccabaa gamoo jalatti awwaalamu hin oolle jedhame sodaatama.
 
Mootummaan Ministira Muummee Israa'el Beenjamin Netaaniyaahuu maatii namoota butamanirraa dhiibbaan itti cimaa jira.
 
Warra miseensonni maatiisaanii Hamaasiin butaman mootummaan namoota butaman akka gadhiisisu gaafata jiru.
 
Mata dureewwan walitti dhiyaatan
 
Dhaabbata Fayyaa Adduunyaa
 
Israa'el fi Paalistaayiin
 
Jiddu-gala Bahaa
 
Israa'eel
 
Waraana
 
Fayyaa
 
Isin hin darbiin
 
Maatusaalaa Barakat dargaggoo waraana Tigraay jalaa baqatee harka shifootaatti dararame
 
Sa'aatii tokko dura
 
'Konkolaataa ofii hojjadhee oofe waan ta’eef ‘Waan Ofii’ jedhee moggaase'- Naafyaad Mokonnin
 
Sa'aatii 4 dura
 
'Weerarri busaa Lixa Oromiyaatti mudate fooyya’iinsa hin agarsiisne' - Waldaa Hakiimota Oromiyaa
 
Sa'aatii 4 dura
 
Maaltu haasa'ama?
 
 
'Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf Eertiraa irrattis tahe Jibuutii irratti rasaasa dhukaasuuf fedha hin qabdu' - MM Abiy
 
14 Sadaasa 2023
 
 
'Uummanni Oromoo dhukkuba namni isaaf hinbeekne dhukkubsachaa ture' - jiraattota
 
10 Sadaasa 2023
 
 
Haasaa ulaa galaanaa MM Abiy muddama hammeessaa jiru
 
9 Sadaasa 2023
 
 
Sirreeffamtoonni mana hidhaa Maqalee guddicha keessaa miliquuf yaalan afur ajjeefaman
 
13 Sadaasa 2023
 
 
Qondaaltonni waraanaa mootummaa Federaalaa fi WBO marii nagaatti jiraachuun dhagahame
 
8 Sadaasa 2023
 
 
Fedhii ulaa galaanaa Itoophiyaafi argachuuf filannoowwan isheen qabdu
 
6 Sadaasa 2023
 
 
Gabaasni Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa naannoo Amaaraa ilaalchisuun baase madaalawaa miti- Mootummaa
 
3 Sadaasa 2023
 
 
‘Itoophiyaafi Ertiraan gocha dubbii walbarbaaduurraa of qusachuu qabu’ – Antonii Bilinkan
 
3 Sadaasa 2023
 
 
Waayee ajjeechaa haadha ijoollee torbaa Boosat hanga ammaa maal beekna?
 
2 Sadaasa 2023
 
Baay'ee kan dubbifame
 
1
 
Maatusaalaa Barakat dargaggoo waraana Tigraay jalaa baqatee harka shifootaatti dararame
 
2
 
'Konkolaataa ofii hojjadhee oofe waan ta’eef ‘Waan Ofii’ jedhee moggaase'- Naafyaad Mokonnin
 
3
 
Israa’el viidiyoon CCTV namoonni butaman hospitaala Al-Shifaa geeffamuu agarsiisa jette
 
4
 
'Falfalli' seera yakkaa Itoophiyaan nama himachiisaa?
 
Yeroo dhuma kan haaromfame: 16 Adooleessa 2023
 
5
 
'Ijoollumaan osoo hin taane hojiikoon ilaalamuun qaba,' Dr Abeenezar
 
Yeroo dhuma kan haaromfame: 13 Amajjii 2020
 
6
 
Namoonni MM Itoophiyaatu Puuntilaand keessa adeemaa jira na se'u- Ayizaak Ahimad
 
7
 
Hospitaalli al-Shifaa 'zoonii du'aa' ta'eera - Dhaabbata Fayyaa Addunyaa
 
8
 
'Weerarri busaa Lixa Oromiyaatti mudate fooyya’iinsa hin agarsiisne' - Waldaa Hakiimota Oromiyaa
 
9
 
Biyya Ministirri Muummee mormitootatti makamanii hiriira bahan
 
10
 
Bushaa Hiikaa: Narsii baadiyyaa duraanii Oromiyaa miseensa waraanaa US hanga Neurosurgeon ta'uutti
 
Yeroo dhuma kan haaromfame: 9 Waxabajjii 2023
 
BBC News, Afaan Oromoo
 
BBC News maaliif amanuu dandeessa
 
Haala itti fayyadamaa
 
Waa'ee BBC
 
Imaammata mateenyaa
 
Kuus-yaadannoo
 
BBC qunnami
 
© 2023 BBC. Qabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti. Gara geessituu alaatti akkaataa itti hojjennu dubbisi.
Send as a message
Share on my page
Share in the group