Translation is not possible.

#haamaas eenyudha? Eenyuun hundàa'e? Amma hoo eenyuun hoogganama? Kaayyoon isaa hoo maal bu'uura godheeteeti?

#haamaas Sochii Qabsoo Islaamaa yoo ta'u, Afaan Arabaatiin Harakata Al Muqawwamaa Al Islaamiyyaa jedhama.

Haamaas garee Loltoota Islaamaati, qabsoon haamaas muslimoota qofaaf osoo hin taane qabsoo kiristiyaanota Filisxiin keessa jiraataniitif ni qabsaawa, kanaaf Kiristaanaafi muslimoota Filisxiiniin deeggarama. Haamaas garee walabummaa fi bilisummaa Filisxiiniifi ummata Filisxiiniif qabsaawudha.

Haamaas tuuta hidhattootaafi siyaasaa naannoo Gaazaa daheeffachuun afaan qawweetiifi siyaasa akkaan gadi fagoofi wal xaxaa ta'e gaggeessuun maqaa guddaafi sodaatamaa kan horatedha. Walumaa galatti haamaas bara 2007 irraa eegalee huumnota 'fataah' (dargaggeessa) jedhamu, kan piresdaantii Filisxiin Mahmuud Abbaasiin hoogganamu lola yeroo gabaabaa godheen injifatee gazzaa kan to'atedha.

Sochiin haamaas bara 1987 gazzaatti Hoogganaa isaanii Yaasiin Arafaatiifi gargaaraa isaanii Abdu Aziiz Al-Randaan kan hundeeffame yoo ta'u, yeroo muraasa booda fincila jalqaba Israel naannoo Filisxiin qabachuuf jette mormuun hundeeffama isaatiin yeroo muraasa booda qabsoo eegale.

Kaayyoon Haamaas inni guddaan dachee Filisxiin kan seena qabeettii taate bilisa baasuudhaaf tuuta qabsoo hidhannoo Israel irratti gaggeessudha.

Haamaas yeroo ammaa Ismaayi Haniyee hoogganaa siyaasaa isaanii yeroo ammaa ta'uun tajaajilaa kan jiru yoo ta'u, inni ammoo gaggeessummaa bara 2007 hoogganaa yeroo dheeraa khaalid Haamaash irraa kan fudhatedha.

Haamaas yeroo ammaa qabsoo hadha'aa Israel irratti taasisaa jiruunis waraana lafootiin injifannoo dabaalamee waraana Israel Gaazzaa irra akka ittisaa jiru gabaasaaleen garaa-garaa ni addeessu.

Haamaas injifatee dachee Filisxiin walaboomsa moo Israel irra aantee injifannoo isii labsiti kan jedhu hibboo hiika hin qabneefi yeroon murteessu waan ta'eef, walumaan ilaalla.

✍️.By Ahmed Ibnul hambel

Send as a message
Share on my page
Share in the group