Translation is not possible.

Akka hiriyaa itti jaalattu qayyabachuu dhiisii,akka itti diina kee firoomfattu irratti,sammuu kee hojjachiisi.

ila

Kennaa guddaa,Rabbiin ittiin nu badhaase keessaa, inni jalqabaa,Sammuu keennaa beeki,sammuun kee hojjannaan,qaamni ajajamaadhaa beeki.

Jaaloo

Sammuun ilma namaatiifi qaamni nyaata ufii qabuu beeki,Qaamni kee waan ati liqimsite fakkaataa argi, sammuun tee,waan dubbiste fakkaattii laali,guutuun kee immoo,nyaata garaatiifi nyaata sammuu keetii fakkaataa argi.

Obbolaa

mormaa gadiif jiraachuufi mormaa oliif jiraachuu,situ filatee itti lixaa beeki.Nama halkanii guyyaa,waanuma dubartiitiifi dhiiraa qofa haasawu bira hin oolinii,irraa achi gori,biyyi tuni si qabdii beeki,hawaasni miskiinni kun si eeggataa jiraa xiinxalli,maatiin kee si eeggataa jiranii argi,Amantiin kee siin bakka gahuuf jirtii taajjabi.

Hey

osoo hin dhugin,osoo hin machaawin,nama hawaasa bal’aa duratti bahee lafa dhiitee ragadu,Shubbisu, sirbu yoo argite,inni guutuu jiraa jalaa gori,gadi qabii laali,akki inni godhatu sun,kolfee si kolfisiisaa xiinxalli, addunyaan tuni nama akkam akka qabdu,akkamitti akka jirtu,ati maal irra akka jirtu sitti argisiisaa taajjabi.

Namana

Nama waggaa soddoma dura du’ee,jahaatamatti awwaalcha argatu hin tahinii dhiisi.Yeroo kee qoodii itti fayyadami,kaayyoo qabaadhu,karoora baafadhu, galma kee tikfadhu,qilleensi dhufe hundi sinraasinii gadi taa’i.

Hohohoo

Bakkuma argitetti harcaasaa hin deeminii,bareedina sammuu keetii tikfadhu!

Ustaaz sufiyaan osmaan

Send as a message
Share on my page
Share in the group