Translation is not possible.

Barsiisaan ykn hogganaan kee ka akkaan jaalattu guyyuu akka siif kadhatu yoo dhageesse maaltu sitti dhagahama? Yoo inni si dura addunyaarraa godaane atis hin kadhattuufii?

Gaaftokko Nabiinﷺ “yaa Rabbi Aa’ishaaf araarami. Badii isii ta dabarte, ta wilii balleessituus, ta dhoysiteefi mul’iftees yaa Rabbi araaramiif” ja’ee kadhate.

Aayyo Aa’ishaan gammachuurraa kofalte.

“Kadhaa tiyyaatu sitti tolee? Wallaahi tuni kadhaan ummata kiyyaaf Salaata hunda keessatti kadhu” ja’e Nabiinﷺ.

[Ibn Hibbaan 7111]

Yaa ka milkaa’ina keenyaaf kadhate!

#jirrayaaergamaarabbii

#nuuralhudaa

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group