Translation is not possible.

Lageen bishaan ofii isaanii hin dhugani, Mukeen ija ofii isaanii hin nyaatani, Daraaraan bakkee urgaa foolii isaanii hin fuunfatani, Aduun ofii isheetiif miti kan iftu, Dacheen ofii isheetiif miti kan qotamaa ooltu,

Inni tokko isa biraatiif jiraachuun seera uumamaa ti. Utuu akkas ta’uu baatee Aduun ifashee dhowwattee dukkanatti nu laatti turte. Waan fedhe iyyuu Haata’u jireenyi kan inni gaarii ta’u yoo ati gammadde dha. Kan inni baay’ee gaarii ta’u garuu yoo namni biraan sababa keetiin gammade dha. Obboleessa ko, waan boru biyyoo taatuuf jettee har’a namni akka maqaa Sidha’atee aadu hin godhiin. Gatii sibaasisa. Jireenyi waqtii dha. Arfaasaa fi Birraa, akkasumas Gannaa fi Bona qabdi. Uumamni dabaree iddoo waliif gadhiisa, dabaree wal keessummeessa, dabaree wal tajaajila, dabaree aarsaa waliif kaffala. Kun nama qalbii hin qabneef hin galu. Yaa ilma namaa kana yaadaan qabi.

Send as a message
Share on my page
Share in the group