Translation is not possible.

Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan badhaasa Meedaaliyaa Saayinsii Ameerikaa argatan.

Onkoloolessa14/2016

Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan badhaasa meedaaliyaa saayinsii biyyaalessaa Ameerikaa Pirezidaanti Joo Baayidan harkaa fudhatan.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Saayintistootaa Damee Saayinsii, Teknooloojii fi Innooveshinii gumaacha olaanaa kanneen bahatan 21 Meedaaliyaa badhaasaniiru.

Damee Saayinsiin Saayintistoota 9 badhaasa Meedaaliyaa Biyyaalessaa Ameerikaa argatan keessaa Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan ni argamu.

Qorataan Saayinsii Biqilootaa Pirofesar Gabbisaa Ejjetaa badhaasa meedaaliyaa biyyaalessaa Amerikaa damee Saayinsiiti (National Medal Of Science) kan badhaafaman.

Pirofesar Gabbisaan mala jiinii biqilootaa diqaalomsuutiin sanyii mishingaa qilleensa gammoojjiifi dhibee dandamatu uumuun badhaasa kanaaf gahuu ibsameeea.

Pirofesar Gabbisaan bara 2009tti Badhaasa Nyaata Addunyaa (World Food Prize) badhaafamuunsaanii ni yaadatama.

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group