Translation is not possible.

@umma_mediaAfanOromoo nu hordofaa

⏩⏩⏩

Addunyaa nagaa dhorkaa kan jirtu Ameerikaadha- Chaayinaa

: Onkoloolessa 14/2016

Addunyaa nagaa dhorkaa kan jirtu Ameerikaadha jechuun Chaayinaan himte.

Chaayinaan Waraana guddicha ijaaraa jirtu irratti Peentaagoon ibsa faallaa baasuu isaa hordofee Ameerikaan addunyaa irratti ''nagaa fi tasgabbiin akka hin jiraanne godhaa akka jiru Addunyaa booressuu irratti argamti jechuun Chaayinaan kan himte.

Ameerikaan meeshaa waraanaa yuuraaniyeemii fi boombii kilaastara jedhamu gara Yukireen ergiteetti, gareewwan waraanaafi dooniiwwan fe'umsaa ishee gara Meditiraaniyaaniitti ergitee jirti.

Dabalataanis meeshaa waraanaa gara Israa'elitti ergu irratti kan argamtuudha. Kennaa waraanaa Ameerikaa kana ammoo Israa’eelonni ‘‘kennaa Wangeelaa’’ jechuun ittiin dhaadataa jiraachuu dubbi himaan Ministeera Ittisaa Chaayinaa Wu Qiyaan hasawa guyyaa har’aatiin kan dubbatan.

Peentaagoon humna waraana isaa dandeetti humna waraana Chaayinaa itti madaaluu keessaa waraana hammaan guddaa kan ta’e naannoo Ardii Eeshiyaa fi garba Paasifiik irrati qubachisaa kan jiruudha.

Kun ammoo Ameerikaa keessatti balaa ijoo fi qormaata nageenyaa yeroo dheeraa fiduu danda’a kan jedhan.

Yeroo ammaa kana keessatti Peentaagoon waraana guddaa guutuu addunyaa irratti ijaaraa jira.

Haa ta’u malee humna waraana Chaayinaan ijaara jirtu irratti ammoo qeeqa kaasuu irratti argama.

Beejiing bara 2035tti lakkoofsa waraanaa qabdu dachaa afuriin guddisuuf daandii irra akka jirtu ibsamera.

Dippilomaatiin olaanaa Chaayinaa Wang Yi akka himanitti wal gaarrrffannaa Ameerikaa fi Chaayinaa kana keessatti Xi Jinping gara Ameerikaa deemuun ji’a kana kamisa boruu Joon Baayidan waliin mariin taasisuuf jiran Abdiin eegamaa jira.

Wal gaarreffannaan Ameerikaa fi Chaayinaa bara 2018 irraa eegalee hammaataa dhufee jira. Jalqaba irratti waldhabdee daldalaa irraa kan ka’ee fi ka’umsa weerara dhibee Koronaa yoo ta’u, tarkaanfiin Chaayinaan Xiinjiang fi Taayiwaan irratti fudhatte ammoo walitti dhufeenyaa isaanii hammeesssuuf Sababa ta'eera jechuun TRT World kan gabaase.

Ameerikaan meeshaa waraanaa Doolaara Ameerikaa Biliyoonaan lakkaa'amu Taayiwaanitti gurgurtee jirti.

Dubbi himaan Chaayinaa, akka himanitti ‘‘Ameerikaan walitti dhufeenya waraanaa Ameerikaa fi Taayiwaan cimsuuf sababa kamiinuu deeggarsa waraana taasiisuu hin qabdu, mala kamiinuu Taayiwaan deggaru akka dhiiftu, karaa kamiinuu Taayiwaan seeraan ala hidhachiisuu akka dhiiftu ni gaafanna'' jedhani jiru.

Dubbi himaan Waajjira Dhimma alaa Taayiwaan akka himanitti ammo Chaayinaa Kibxata darbe ibsa miidiyaaleef kenniteen ,gabaasa humna waraanaa Chaayinaa Ameerikaan baafte jedhame kun ibsa dhimma Taayiwaan irratti kenname dabalatee qabiyyee dogoggoraa gosa hundaan kan guutameedha jechuun kan himan.

TRT World wabeeffachuun Waliif TV tu gabaase.

Send as a message
Share on my page
Share in the group