8 month Translate
Translation is not possible.

"Hamaas Waraana ummataa fi biyya isaa bilisa baasuuf lolu qabsa'aa bilisummaa dha..!" Pirezidaantii Turkii Rajab Xayyib Erdogan.

Dubbiin Pirezidaantii Turkii kun guyyaa har'aa kan dubbatame yoo ta'u Mootummoonni biyyoota dhihaa garee Hamaasiin shororkeessummaan farrajaa yeroo jiranitti Pirezidaantiin Turkii Rajab Xayyib Erdogan as ba'uun "Hamaas qabsa'aa bilisummaa dha malee Shororkeessaa miti" jechuun faallaa biyyoota dhihaa dhaabbachuun qabsaa'ota Falasxiin kanaaf sagalee taa'anii jiru.

Biyoonni jibbinsa Islaamaan beekaman Israa'iil cinaa hiriiruun garee ummataa fi biyya isaa bilisa baasuuf ijibbaata lolaa jiru Hamaasiin Shororkeessaa gochuun balaaleffachaa kan jiran yoo ta'u isaan keessaa tokko ammoo Pirezidaantii Faransaay Imanuel Macron dha.

Kaleessa Pirezidaantiin Faransaay kun michuu isaa Beeniyaamin Neetniyaahoo dubbisuuf gara Israa'ilitti yeroo imaletti ibsa kenneen Hamaasiin galmee Shororkeessaa keessatti ramaduun akkas jedhe "Hamaas akkuma ISIS dhaabbata Shororkeessaa dha! Addunyaan waraana bobbaasee humna Hamaas kana barbadeessuu qaba" jechuun labsee ture, Ibsi Maakiroon kun Pirezidaantii Turkii Erdogan 'n dallansiisuu waan oole miti kanaaf guyyaa har'aa ibsa isaatiin Hamaas Shororkeessaa akka hin taane labse.

Maakiroon ibsa kaleessa Israa'iil keessatti kenne kanaan humna Waraanaa Hamaas 'n Israa'iil qofaa ishee dhabamsiisuu akka hin dandeenye akeekee jira! Maakiroon diina Muslimootaa gita hin qabne ta'uu isaatiin Waraana waloo akka addunyaatti hundeessinee Hamaasiin lolla jechuun kaayyoo fi hawwii isaa kan Muslimoota duguuguuf qabu mirkaneessee jira! Maakiroon Mootummoota yeroo ammaa jiran keessaa addatti Islaamummaa fi Muslimoota balleessuuf karoora guddaa qabaachuu isaa dha.

Ibsa Maakiroon kaleessa kenne kanaaf Erdogan deebii waan kenne fakkaata! Erdogan akkas jedhe "Weeraraa fi cunqursaa qolachuuf kan qabsaa'u loltuu bilisummaa dha malee akka isin jettan Shororkeessaa miti!!" jechuun qabsaa'ota Hamaas 'f sagalee ta'e.

Humna jabaa hundeeffama isaa irraa kaasee Sabaa fi dachii isaa bilisa baasuuf qabsoo oonnachiistuu geggeessuu irratti kan argamu Hamaas waraanni lafoo Israa'iil magaalaa Gaazaa akka hin seenne ittisee jira! Israa'iil loltoota lafoo ishee bobbaastee Magaalaa Gaazaa seenuuf yaalii garaagaraa geggeessitus Magaalaa Gaazaa seenuun akka qabrii seenuu ta'e waan hubatteef dheessaa jirti.

Hamaasiin balleessuun haa hafuu dadhabsiisuu kan dadhabde Israa'iil akka biyyoonni dhihaa ishee gargaaraniif duula waamichaan geggeessaa kan turte yoo ta'u waamichi kunis isheef milkaa'uu dhabnaan humna qilleensaa irraan namoota nagaa duguuguu malee injifannoo galmeessite tokkollee hin qabdu.

Israa'iil Injifannoo goonfachuu dhabuu isheetiin Hamaas injifatamuu dhabuun isaa kan isa dallansiise Maakiroon kaleessa daawwii Israa'iil 'tti taasisuun ibsa kenneen "Humna Waraanaa waloo tokko hundeessinee Hamaasiin haa lollu..!!" jechuun waamicha jabaa biyyoota dhihaaf taasisee jira, Pirezidaantiin Turkii Rajab Xayyib Erdogan 's har'a ibsa kennaniin yaada Maakiroon faallessuun Hamaas qabsa'aa bilisummaa sabaa fi dachii isaa bilisa baasuuf qabsaa'u ta'uu isaa labsan.

Lolli Hamaas fi Israa'iil akka addunyaatti gurmuu Waraanaa lama ijaaraa waan jiru fakkaata, Qabsaa'otaaf Injifannoo weerartootaaf cabuu kadhanna.

Toora Telegram keenya Share gochuun waliif qoodaa.

https://t.me/JechotaGaggaarii

#palestine

#gaza

#hamas

#erdogan

#israel

#turkey

image
image
Send as a message
Share on my page
Share in the group