7 month Translate
Translation is not possible.

Onkoloolessa.24/2023-Pireezidaantiin Ameerikaa Duraanii Baaraak Obaamaan, gocha Israa'el Namoota Nagaa Gaazaa irratti raawwataa jirtu morman.

************************************************

Pireezidaantiin Ameerikaa duraanii Baaraak Obaamaan akka jedhanitti, "waraanaa Israa'eliifi Hamaas gidduutti deemaa jiruun, Israa'el haleellaa Filisxeemota nagaa irratti taasifteef gatii baasti" jedhan.

Waggoota 8'f Waayit Haawus keessa kan turan Pireezidaantiin Ameerikaa duraanii Baaraak Obaamaan, Israa’el haleellaa Hamaas irraa of ittisuuf mirga guutuu akka qabdu dubbataa turan.

Tel Aviv, bu'uuraalee jireenyaa kanneen akka: Nyaata, Bishaaniifi humna ibsaa lammiilee Gaazaa irraa addaan kutuun isii, qabsoo Filisxeemotaa daran akka cimsu ibsan.

Tarsiimoon waraanaa Israa’el fudhachaa jirtuufi lubbuu dhala namaa gaaga'e, akkasumas mirga namoomaa dhala namaa tilmaama keessa hin galchine kun, dhuma irratti bu’aa faallaa ta’e qabaatas jedhan.

"Israa'el, tajaajila bu’uuraa jiraattota Gaazaa irraa addaan kutuu isii rakkoo namoomaa haalaan hammeessuu qofa osoo hin taane, Israa’el deeggarsa Idil-Addunyaa akka dhabduufi diinni ishee akka dabalu taasisa" jechuun dubbatan Obaamaan.

Kun immoo, tattaaffii nagaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf waggootaaf godhamaa ture duubatti kan deebisu ta’uus ibsan.

Pireezidaantiin Ameerikaa duraanii kun haasaa isaanii kanaan, haleellaa Hamaas balaaleffchuun, Israa’el mirga of-ittisuuf guutuu akka qabdu ibsuun, haleellaa Irsaa'el fudhataa jirtu kanaan miidhaan lammiilee nagaa irra ga'aa jiru ilaalcha keessa galuu akka qabu cimsanii dubbatan.

Obaamaan turtii waggoota saddeeteef Waayit Haawus keessa turanitti, Israa’el haleellaa Hamaas irraa Isheetti dhufuuf deebii quubsaa akka kennitu deeggaa turuu isaanii, Rooyiters gabaase.

Haa ta’u malee, walii galteen Niwukilaraa bara Faranjootaa 2015 keessaa Ameerikaafi Iraan gidduutti taasifame, hariiroo Obaamaafi Netaaniyaahuu jidduu jiru laaffisuun isaa ni yaadatama.

Itti Aanaan Pireezidaant Obaamaa yeroo sanaafi Pireezidaantiin biyyattii ammaa Joo Baayiden, hooggantoota lamaan walitti dhiyeessuuf yaalaa kan turan yoo ta’u, amma gaaruu michuu Netaaniyaahuu isa guddaa ta’aniiru.

Baayiden, marii hooggantoota Israa’eliifi Filisxeem bara Pireezidaant Obaamaa eegalame kana xumuruu caalaa, Meeshaalee waraanaafi loltoota isaanii waraanichatti erguun waldhabdee kana hammeessaa jiru.

Waraana Israa'eliifi Hamaas jidduutti guyyoota 18 lakkoofsise kanaan, lakkoofsi lammiilee Filisxeem lubbuu isaanii dhabanii Kuma 5 caaleera. Gabaasni Kan Rooyiters.

image
Send as a message
Share on my page
Share in the group