ICCITII DHOOYSUU
••••••••••••••••••••
Anas ibn Malik (RA) akkana jedhe: “Guyyaa tokko ergamaa Rabbii ﷺ Kaddamaa ture. Akkuma an dalagaa xumureen Ergamaan Rabbii ﷺ hirriba gabaabduu Zuhrii boodaa (Qeeylulaa) rafaa turan. Achumatti isaan dhiisee ijoollee taphachutti jirtu takka argee isaan dhaabbadhee laalutti seene. Achi booda Ergamaan Rabbii ﷺ hirriibaa ka’aanii dhufan. ijoollee taphattu sanniin nagaya eega gaafataniin booda, na waamanii haajaa takkaaf na ergan. Haga an deebu’uttis ergamaan Rabbii ﷺ gaaddsia jala taa’anii na eegan. anis kidmaa Rasuulaa geessinaan ka’ee gara manaa gale. Yeroon ummaa tiyya bira gahu “Eessa turte?” naan jette. Anis, “Ergamaa Rabbiittu ﷺ dhimma takkaaf bakka wahiitti na ergan” jedhee deebiseef. Isiinis, “Maal inni?” naan jette. Anis deebisee, “sun Iccitii Ergamaa Rabbiiti ﷺ” jedheen. Isiinis deebistee, “Iccitii Ergamaa Rabbii ﷺ dhooysi, nama takkattillee hin himin” naan jette. Anis haga ammaa Iccitii san nama tokkottillee hin himne. Osoo silaa ka himuutii, ummaa tiyyatti hima ture” jedhe.
Hadiisa kanarraa Waan heddu baranna
1. Ijoollee xixiqqoo Nagaya gaafatuun sunnaa Ergamaa Rabbiiti ﷺ. Kanaafuu itti haa dalagnu. Ijoollee xiqqeenya isaanii ilaallee tuffannee bira dabruu hin qabnu. Nagaya gaafannee, du’aa’ii gooneefii bira dabruu qabna.
2. Iccitii namaa dhoysuun islaamummaa keessatti bakka guddaa qaba. Anas Rabbiin irraa haa jaalatuu, isaa umrii joollummaa keessa jiruu, Rasuulli ﷺ Iccitii itti himatan. Innis Iccitii Rasuulaa hanga dhumaa ni dhoyse. Haadha isaatittuu hin himne. Haati isaatis maaliidha naaf himtu malee jettee isa hin cinqine. Inumaa Iccitii Rasuulaa jabeeysii dhooysi jetteen.
Nuti hoo as keessatti haa of laallu. Nuti Iccitii waliif dhooysuu mitii, Eeybimaa waliif dhoysuu dhiisnee jirra. Gariin namaa viidyoo wal waraabee Facebook gubbatti gad dhiisa. Gariin ammoo mee suuraa kee naaf ergi waliin jedhaa, booda ammoo baasee ummatatti garsiisa. Eeybii walii dhoysuun nu jidduu dhabamutti jira. Kun halaaka guddaadha.
By: Abu Huzeyifa